Qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaan qabxii fooyya’aa galmeessisuuf qophiin taasifameera - ENA Afaan Oromoo
Qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaan qabxii fooyya’aa galmeessisuuf qophiin taasifameera
Ebla 14/2018 (ENA)- Qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa baranaatiin qabxii fooyya’aa galmeessisuuf qophiin taasifamuu itti gaafatamaan biiroo barnootaa naannoo Hararii Geetuu Nagawoo dubbatan.
Bara barnootaa 2018 barattoonni kuma 2 fi 560 qormaata biyyaalessaa kana karaa Intarneetii akka qoraman ibsan itti gaafatamaan kun.
Barattoota qormaata darban kan wagga darbeerraa dachaan dabaluuf qophiin taasifamuu ibsaniiru.
Kanaaf ammoo barattootaaf barumsa ga’umsasaanii dabalu kennuun, sa’aatii fayyadama mana kitaabaa dabaluunii fi wantoota biroo hojjechuun barattoonni akka of qopheessan godhamuusaa ibsaniiru.
Galteewwan barbaachisan guutuun alattis barattoonni waloon akka qayyabatanii fi akka dubbisan haalli mijataa uumamuusaa eeranii, qormaata moodalaa qoruun akka shaakalan godhamuu dabalanii ibsaniiru.
Barattoonni kutaa 12ffaa Habtaamuu Sulxaan fi Meelaat Alamaayyoo yaada kennaniin, qabxii fooyya’aa galmeessisuuf qophii gochaa akka jiran mirkaneessaniiru.