Tamsaasa Kallatti:

Kaardii filannoo fudhachuun Mirga Heeraa Mootummaan aragannetti fayyadamuuf qophoofneerra

Ebla13/2018(ENA)-Jiraattonni Magaalaa Finfinnee yaada isaanii ENA’f kennan, filannoo waliigalaa 7ffaa irratti kaardii filannoo fudhachuun mirga heera mootummaan isaaniif kennameefiitti fayyadamuuf qophii ta'uusaanii ibsan.

Akka sagantaa yeroo Boordiin Filannoo Biyyoolessaa Itiyoophiyaa baaseetti, galmee filattootaa kan bara kanaa Gurraandhala 28 bara 2018 irraa jalqabee gaggeeffamaa jira.

Boordichi sagantaa jalqaba baase fooyyessuudhaan, ummanni bal’inaan akka galmaa’u carraa kennuuf, guyyoota Ayyaanaa osoo hin dabalatiin galmeen hanga Ebla 14 bara 2018 akka dheeratu taasisuunsaa ni yaadatama.

Jiraattonni ENA’f yaadasaanii kennan, mirga heera mootummaan kennameef hojiirra oolchuuf kaardii filannoo fudhatanii guyyaa sagalee kennuu eeggachaa jiru.

Adeemsi galmee buufataalee filannoo keessatti taasifamu mijataa fi si’ataa ta'uusaas ibsaniiru.

Namoota yaada isaanii kennan keessaa Obbo Geeraa Warquu akka jedhanitti, Kaardii koo fudhadheen jira, ijaarsa biyyaa fi jijjiiramaaf ni fayyada kanan jedhu filachuuf qophaa’een jira jedhaniiru.

Obbo Worquu Waldeleezaa gamasaaniin, paartii biyya guddisa, misooma ariifachiisa, fayyadamummaa lammiilee mirkaneessa jedhanii kan amananiif sagalee isaanii kennuuf kaardii fudhachuusaanii ibsaniiru.

Obbo Lammaa Badhaadhaas filannoon mootummaa biyyaa cimaa ijaaruuf qooda qabachuu eeranii, adeemsichi ijaarsa dimokraasii keessatti shoora murteessaa waan qabuuf filachuuf qophii ta'uusaanii dubbataniiru.

Filannoon fuuldura dhaloota dhufuuf abdii mirkaneessuuf gumaacha guddaa akka qabu eeruun, hojii kanaaf qophii ta'uu kan ibsan immoo Aadde Abbabach Kabbbadaati.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015