Tamsaasa Kallatti:

Dandeettiin invastimantii qonnaa Itiyoophiyaan qabdu dandeettii dorgommii idil addunyaa cimsaa jira

Ebla 13/2018(ENA)- Qabeenyi qonnaa bal’aan Itiyoophiyaan qabdu dandeettii dorgommii idil addunyaatti qabdu guddisaa jiraachuu dureessi biyya Hindi Itiyoophiyaa keessatti invastimantii qonnaarratti hojjetan Gajandiraa Singahi Manpuraa ibsan.

Hojiileen riifoormii Itiyoophiyaan damee qonnaan hojiirra oolchite bu’aalee qabatamaa fidaa jiru.

Keessumaa inisheetiivonni kanneen akka oomisha Qamadii nyaataan of danda’uu fi birmadummaa mirkaneessuuf bocamanii hojiirra oolan ni eeramu.

Qamadii fedhii nyaataaf of danda’uun biyya alaatti erguu eegaluun inisheetiivichi bu’a qabeessa ta’uusaa agarsiisa.

Gama Invastimantii qonnaatiinis haalonni mijataa dureeyyii onnachiisan uumuurra darbee dandeettiin dilbii damee Kanaan qabdu dureeyyii biyya keessaa fi biyya alaa guddaa hawatta.

Dureessi Hindi Gajandiraa Singahi Manpuraa Afriikaa Kibbaa, Taanzaaniyaa, Keeniyaa, Zaambiyaa fi biyyoota biraatti haala invastimantii daawwachuusaanii yaadachiisaniiru.

Daawwannaa Itiyoophiyaatiinis biyyattii invastimantii qonnaaf filachuun damee misooma kuduraa fi muduraa irratti hojjechaa akka jiran ibsaniiru.

Keessumaa oomisha Avokaadoo guddisuun gabaa addunyaa garagaraaf dhiheessuuf hojjechaa jiraachuu dubbataniiru.

Fuulduras Muuzii, Injoorrii, mi’eessituu fi dameelee qonnaa garagaraa irratti invastimantii babal’isuuf xiyyeeffatanii akka hojjetan mirkaneessaniiru.

Yeroo ammaa kaappitaala ka’umsaa doolaara kuma 500’n hojjechaa akka jiran eeranii, fuulduras invastimantii itti jiran dachaa sadiin guddisuuf akka karoorfatan beeksisaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015