Tamsaasa Kallatti:

Manni Marichaa Labsii Fooyya'iinsa Nageenya Aviyeeshinii Itiyoophiyaa Raggaasise

Ebla13/2018(ENA)-Manni Mareen Bakka Bu'oota Ummataa walgahii idilee 15ffaa har'a gaggeesseen, labsii fooyya'iinsa nageenya Aviyeeshinii Itiyoophiyaarratti dhiyaate qoratee raggaasiseera.


 

Labsii fooyya'iinsaa kun labsii waggoota digdama oliif hojiirra ture bakka kan bu'u yoo ta'u, sodaawwan nageenyaa haaraa damee kana keessatti mul'atanii fi jijjiirama teeknooloojii yaada keessa kan galche ta'uun ibsameera.

Itti Aanaan Dura taa'aa Koree Dhaabbataa Dhimmoota Hariiroo Alaa fi Nageenyaa Mana Marichaa, Doktar Fatiih Mahaadii, Gabaasaa fi yaada murtee Labsichaa Mana Mareef dhiyeessaniiru.


 

Ibsa isaaniinis, labsiin duraanii waggoota 20 oliif tajaajilaa waan tureef, yeroo ammaa Indastirii Aviyeeshinii keessatti sodaawwan nageenyaa walxaxoo mul'atan ittisuuf dandeettii daangeffame akka qabu hubachiisaniiru.

Labsiiin haaraan kun nageenya damee aviyeeshinii eeguuf faayidaa hedduu akka qabu eeranii, sodaawwan nageenyaa yeroon fidee fi yeroo gara yerootti walxaxaa dhufan ga’umsaan ittisuu kan dandeessisu qaama seeraa cimaa kan uumu ta'uus dubbataniiru.

Hojiin sakatta'iinsaa fi to'annoo nageenya Aviyeeshinii teeknooloojiin deeggaramee, bu'a qabeessa fi amanamaa akka ta'u kan taasisu ta'uu fi hojimaata nageenya Aviyeeshinii Itiyoophiyaa, Dhaabbata Siviilii Avyeeshinii Addunyaa waliin kan wal simsiisu taasisa jedhaniiru.


Labsichi garee daandii Xiyyaara Itiyoophiyaa (Ethiopian Airlines Group) fi dhaabbilee biraa damee kana keessatti bobba'an, Hawaasa Addunyaatiif tajaajila geejjiba xiyyaaraa nageenyasaa eeggate fi amanamaa ta'e akka kennan haala mijaataa kan uumu ta'uu eeraniiru.

Daandiin Xiyyaaricha Sadarkaa Addunyaatti milkaa'ina agarsiisaa jiruu fi maqaa gaarii biyyattii cimsee itti fufsiisuuf, deeggarsi seeraa yeroon wal simatu barbaachisaa ta'uus itti dabaluun ibsaniiru.


Miseensonni Mana marichaa labsii kana irratti marii bal'aa erga taasisanii booda, labsichi nageenya biyyaalessaa fi faayidaa dinagdee biyyattii eeguuf qooda qabu dinqisiifataniiru.

Manni maree kunis yaada murtee dhiyaateef qoratee, labsii fooyya'iinsa nageenya Aviyeeshinii Itiyoophiyaa haarawaa kana sagalee caalmaadhaan raggaasiseera.

Labsiin fooyya'iinsaa kun, waggoota digdama oliif hojiirra kan turee fi bara 1997 kan ba'e labsii lakkoofsa 432/1997 kan bakka bu'u yoo ta'u, sodaawwan nageenyaa haaraa damee kana keessatti mul'atanii fi jijjiirama teeknooloojii yaada keessa kan galche ta'uunis ibsameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015