Tamsaasa Kallatti:

Waldaalee hojii gamtaa tarsiimoo riifoormii dinagdee mandhalee waliin wal simsiisuun caalaatti bu’a qabeessa taasifamaa jiru

Ebla 13/2018(ENA)- Waldaalee hojii gamtaa tarsiimoo riifoormii dinagdee mandhalee waliin wal simsiisuun caalaatti bu’a qabeessa taasifamaa jiraachuu mana maree bakka bu’oota ummataatti dura teessuun koree dhaabbataa dhimmoota qonnaa Salamoon Laallee ibsan.

Waltajjiin sosochii riifoormii hojii gamtaa biyyaalessaa kan 2ffaa komishiniin hojii gamtaa Itiyoophiyaa mata duree “gara gandaatti bu’uu” jedhuun qopheesse Adaamaa Yunivarsiitii Saayinsii fi Teeknooloojii Adaamaatti eegaleera.

Waltajjicha haasawaan kan banan obbo Salamoon Laallee akka ibsanitti, riifoormiin dura waldaaleen hojii gamtaa hedduun jiraatanis, hedduunsaanii haala yeroo wajjin wal hin simne.

Sababa Kanaan dameen kun miseensotasaafis ta’e walumaa galatti guddina biyyaaf faayidaa argamsiisuu qabu osoo hin argamsiisiin turuusaa yaadachiisaniiru.

Yeroo ammaa gumaachi waldaalee tarsiimoo riifoormii dinagdee mandhalee waliin wal simsiisuuf mootummaan xiyyeeffatee hojjechaa waan jiruuf bu’aan argamaa dhufeera jedhaniiru.


 

Mootummaan milkaa’ina riifoormichaaf “koree istiriingii” gurmeessuun deeggaraa jiraachuu eeranii, yeroo ammaa qophiin seerota fooyyessaa  xumurarra waan jiranii fi rood maappiin dame kanaaf gargaaran qophaa’uusaa  beeksisaniiru.

Sosochiin gurmaa’insoota hirmaachise kan  komishiniin hjojii gamtaa mata duree “gara gandaatti bu’uu” jedhuun qopheesse eegalamuunsaa jijjiirama qabatamaa fiduuf faayidaa guddaa akka qabu ibsaniiru.

Komishinariin komishinii hojii gamtaa Itiyoophiyaa Geetinnat Taaddasaa gamasaaniin, waldaaleen hojii gamtaa dinagdee biyyaa kan saffisiisan akka ta’an kallattiin kaa’amee hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Riifoormii qorannoorratti hundaa’ee waggoottan sadan darban gaggeeffameen waldaaleen kuma 31 caalan maqaa qofaan kan beekamanii fi teessoo kan hin qabne ta’uu adda baafamuu dubbataniiru.

Dabalataanis kuma 5 kan ta’animmoo of danda’anii dhaabbachuu waan hin dandeenyeef kanneen biro waliin akka walitti makaman taasifamuu eeraniiru.

Ogeeyyonni gandarratti gurmeessan kan naannolee hundaa fi bulchiinsa magaalota lamaanirraa walitti dhufan kuma 4 leenjii kanarratti hirmaachaa akka jiran eeranii, leenjiin kun wiirtuu garagaraa keessatti guyyoota walitti fufan saddetiif ni kennama jedhan.

Kallattiiwwan tarsiimoo damee kanaa imala badhaadhinaa irratti bu’uureffatan ilaalchisee mariin bal’aan waltajjiiwwan kanneenirratti akka gaggeeffamu beekameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015