Hojiiwwan Gahee Waldaalee Hojii Gamtaa Dinagdee Biyyattii Keessatti qaban guddisan hojjetamaniiru – Doktar Biqilaa Hurrisaa - ENA Afaan Oromoo
Hojiiwwan Gahee Waldaalee Hojii Gamtaa Dinagdee Biyyattii Keessatti qaban guddisan hojjetamaniiru – Doktar Biqilaa Hurrisaa
Ebla 13/2018(ENA)-Hojiiwwan hedduun gahee waldaaleen Hojii Gamtaa dinagdee biyyattii keessatti qaban guddisan raawwatamuu isaa Ministirri qindeessaa giddu gala ijaarsa sirna dimokiraasii Waajjira Ministira Muummee Doktar Biqilaa Hurrisaa ibsan.
Komishiniin Hojii Gamtaa Itiyoophiyaa Riformii Hojii Gamtaa biyyaalessaa mata duree "Gara gandaatti gahuu" jedhuun, Sosochii marsaa 2ffaa Magaalota garaagaraa keessatti gaggeessaa jira.
Waltajjii Hawaasatti gaggeeffamaa jiru irratti argamuun ergaa kan dabarsan Doktar Biqilaa Hurrissaa, hojiiwwan carraaqqii dhuunfaa irra, humna walitti ida’ameen walta'iinsaan raawwataman, guddinaa fi misooma biyyaatiif murteessaa ta'uusaa kaasaniiru.
Waggoota jijjiiramaa keessa, waldaaleen hojii gamtaa guddina biyyaa fi dinagdee irratti gahee isaanii olaanaa akka bahaniif hojiiwwan hedduun raawwatamanii fi bu'aan galmaa'uu dubbataniiru.
Waldaaleen hojii gamtaa yaada, gurmaa'ina, hojimaataa fi hoogganummaa isaanii irratti riiformii yoo taasisan jijjiirama olaanaa fiduu akka danda'an kaasaniiru.
Kanaaf, fuulduratti dinagdee biyyattii keessatti gahee qaban guddisuuf hojiiwwan dandeessisan cimanii akka ittifufan ibsaniiru.
Waldaaleen hojii gamtaa guddinaa fi bayyanachuu Itiyoophiyaa itti fufsiisuuf murteessaa ta'uusaanii ibsuun, itti fufiinsa akka qabaataniif sochiin akkanaa barbaachisaa ta’uu dubbataniiru.
Itti Aanaan Komishinara Komishinii Hojii Gamtaa Federaalaa obbo Shiisammaa Gabrasillaasee, dandeettii Waldaalee Hojii Gamtaa guddisuun gumaacha imala badhaadhina biyyaatiif qaban cimsuuf hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.
Kanaaf, Magaalonni Hawaasaa, Adaamaa, Jimmaa, Jigjigaa, Asosaa fi Kombolchatti har'a waltajjiiwwan walfakkaataa gaggeefamaa akka jiran eeruun, Magaalota biroo keessattis akka itti fufus dubbataniiru.