Tamsaasa Kallatti:

Waldaaleen Hojii Gamtaa sadarkaa fooya’aarra akka ga’aniif hojii hojjetameen bu’aan argamaa jira

Ebla 13/2018 (ENA)-Waldaaleen Hojii Gamtaa sadarkaa gaariirra akka ga’an hojii hojjetama jiruun bu’aan argamaa jiraachuu komishiniin hojii Gamtaa Itiyoophiyaa ibse.

Sochiin riformii hojii gamtaa biyyaalessaa marsaan lammaffaan boqonnaa "Ga'umsa gandaa" jedhu har'a kilaastaroota ja’a keessatti eegalameera.

Komishinii hojii Gamtaa Itiyoophiyaatti dursaan Garee hojii raawwachiisaa olaanaa oditii hojii gamtaa, Obbo Xahaa Diggaa waltajjicharratti akka ibsanitti, waldaaleen hojii gamtaa bu'uuraa ammayya'uunsaanii fi jijjiirama caasessaa fiduunsaanii dinagdee biyyattii uumuuf bu'uura cimaadha.

Kanaan dura gurmaa'inni waldaalee kun bu'uura cimaarratti waan hin turreef itti fufiinsisaanii gaaffii keessa galaa akka ture yaadachiisanii, riifoormii amma hojiirra oolaa jiruun jijjiiramoonni abdachiisoon galmaa'aa akka jiran ibsaniiru.

Waltajjiin kun irra caalaatti kan qophaa’e hoogganoota waldaalee fi ogeeyyii biratti jijjiirama yaadaa fi beekumsaa fiduuf akka ta’e ibsaniiru.

Itti gaafatamaan waajjira waldaalee hojii gamtaa Godina Jimmaa Obbo Dimaamuu Nigaatuu gama isaaniitiin, waldaaleen hojii gamtaa imala misoomaa biyyattii ariifachiisuuf gahee olaanaa qabaachuu dubbataniiru.


 

Keessattuu, hirmaannaan dhaabbilee faayinaansii dabalaa dhufuusaanii cimina waldaaleetiif gahee guddaa akka gumaache ibsaniiru.

Sosochiin Magaalaa Jimmaatti gaggeeffamaa jiru kun, ogeeyyii misoomaa waldaalee hojii gamtaa 400 kanneen Naannoolee Gambeellaa, Kibba-Lixaa Itiyoophiyaa fi Oromiyaarraa dhufan hirmaachaa jiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015