Naannawoota gammoojjii Oromiyaatti misoomni nyaata loonii ongee fulla’insaan damdamachiisuu dandeessisu xiyyeeffannoo addaan hojjetamaa jira - ENA Afaan Oromoo
Naannawoota gammoojjii Oromiyaatti misoomni nyaata loonii ongee fulla’insaan damdamachiisuu dandeessisu xiyyeeffannoo addaan hojjetamaa jira
Ebla 13/2018(ENA)- Naannawoota gammoojjii Oromiyaatti misoomni nyaata loonii ongee fulla’insaan damdamachiisuu dandeessisu hojjetamaa jiraachuu biiroon jallisii fi misooma horsiisee bulaa beeksise.
Naannawoota gammoojjii fi horsiisee bulaatti hojiileen ongee fulla’insaan damdamachiisuuf gargaaran hojjetamaa jiraachuu biirichi ibseera.
Itti aanaan itti gafatamaan biirichaa Roobaa Turcee ENAtti akka himanitti, sababa ongeetiin naannawoota horsiisee bulaa fi gammoojjiitti qabeenya beelladaarratti miidhaa qaqqabu hir’isuuf hojjetamaa jira.
Haala Kanaan bara bajataa kana lafti bal’aan nyaata loonii misoomsuuf hojjetamaa kan jiru yoo ta’u, cimees itti ni fufa jedhaniiru.
Bakkeewwan nyaanni loonii irratti misoomu beelladarraa bilisa ta’anii horsiisee bulaan akka kunuunsu godhamaa akka jiru himaniiru.
Hojiin ongee fulla’insaan damdamachuuf hojjetamaa jiru qama hojii horsiisee bulaa gara walakkaan qonnaan bulaatti jijjiiruuf taasifamuu ta’uu ibsaniiru.
Naannichatti naannawoota gammoojjii fi horsiisee bulaatti hidhaalee jallisii xiqqaa fi jiddugaleessaa ijaaruudhaan qonna gammoojjii madaqsuuf xiyyeeffatamee hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru.
Waggoottan saddet darban hidha jallisii xiqqaa fi jiddugaleessaa bishaan dhugaatii namaa fi beelladaaf dursa kennuun ijaarsisaanii jalqabaman 71 keessaa 37 naannawa gammoojjiitti kan argamanidha jedhaniiru.
Pirojektoota 37 keessaa 34 xumuramanii bishaan dhugaatii namaa fi beelladaa, horsiisa qurxummii akkasumas misooma jallisiif tajaajila kennaa jiraachuu himaniiru.
Bakkeewwan horsiisee bulaa naannichaatti wiirtuuwwan kuusaa nyaata loonii 17 ijaaramaa kan jiran yoo ta’u, aramaa bakka biraatii dhufu ittisuudhaan akkasumas naannawicha eeguudhaan misoomni kun akka cimu ergaa dabarsaniiru.