Tamsaasa Kallatti:

Itiyoophiyaa fi Faransaayi tumsa dinagdee biyyoota lamaanii ni cimsu

Ebla 13/2018(ENA)- Itiyoophiyaa fi Faransaayi tumsa dame dinagdee biyyoota lamaanii cimsuuf walii galaniiru

Ministirri maallaqaa Ahimad Shidee wal gahii baatii birraa baankii addunyaa fi dhaabbata maallaqaa idil addunyaa (IMF) cinaatti Waashiingitan Diisiitti hooggantoota olaanoo maallaqaa Faransaayi waliin mari’ataniiru.

Mariin kun tumsa misoomaa gamlamee biyyoota lamaan jidduu jiru caalaatti guddisuun haala danda’amurratti kan xiyyeeffate akka ture beekameera.

Faransaayi koree liqeessitootaa mootummootaa dura taa’aa ta’uun yeroo gaggeessitetti adeemsa liqii dheeressuu Itiyoophiyaarratti gumaacha taasifteef minister Ahimad Shideen galateeffataniiru.

Biyyoonni lamaan fooyyessa dinagdee gooroo Itiyoophiyaa fi idaa deebisanii caasessuurratti waloon hojjechuuf kutannoo akka qaban beeksisaniiru.

Kunis argama faayinaansota haaraa fiduu fi guddina dinagdee fulla’aa mirkaneessuuf gumaacha olaanaa akka qabu odeeffannoon ENA’n ministeera maallaqaarraa argate ni mul’isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015