Tamsaasa Kallatti:

Hoj-maata Dijitaalaa Babal’isuun ragaa mirkaneessuu fi gurmeessuuf hojiin hojjetamu cimee itti fufa

Ebla 12/2018(ENA)-Daayireektarri Olaanaa Tajaajila Istaatistikii Itiyoophiyaa Doktar Bakar Shaalee, hojiin dijitaalaan odeeffannoo mirkaneessuu fi gurmeessuu akka cimu ibsan.

Tajaajilli Istaatistikii Itiyoophiyaa, Komishinii Siivil Sarviisii waliin ta'uudhaan, hojii odeeffannoo hojjettoota siivil sarviisii mirkaneessuu irratti mariin hubannoo cimsuu Magaalaa Samaraatti adeemsifamaa jira.

Daayirektarri Olaanaa Tajaajila Istaatistikii Itiyoophiyaa Doktar Bakar Shaalee wayita sana akka jedhanitti, hojiin dijitaala odeeffannoo siivil sarvaantootaa mirkaneessuu fi gurmeessuu cimee hojjetamaa jira.

Siivil Sarviisii Dijitaalaawaa dhugoomsuun faayidaa hedduu qabaachuu ibsuudhaan, odeeffannoo gurmaa'een sirna qabannaa odeeffannoo amansiisaa diriirsuuf saffisaan hojjechuun akka barbaachisu hubachiisaniiru.

Naannichi xiyyeeffannoo kennee odeeffannoo hojjettootaa waraqaa eenyummaa Dijitaala (digital ID) waliin hojiin wal-qabsiisuu hojii odeeffannoo dijitaala gochuu (digitize) biyyoolessatti jalqabame ni saffisiisa jedhaniiru.

Kanaanis, Odeeffannoo guddisuun Siivil Sarvaantii tajaajila kennu cimsuuf xiyyeeffannoo kennamuusaa ibsaniiru.

Marii kanarratti kan argaman Hogganaan Biiroo Siivil Sarviisii fi Misooma Qabeenya Namaa Naannoo Afaar obbo Mahaammad Ahimad gama isaaniitiin, siivil sarviisii dijitaalaawaa dhugoomsuuf hojiin hojjetamaa jiru jajjabeeffamuu qabu jedhaniiru.

Sirna qabannaa odeeffannoo fooyyessuun tajaajila saffisaa kennuuf gumaacha olaanaa godhachaa akka jiru dabalanii dubbataniiru.

Marii kanarratti Daayireektaroonni Qabeenya Namaa Naannoo Afaar, kan Zoonii fi Aanaa hirmaachaa jiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015