Tamsaasa Kallatti:

Itiyoophiyaa fi Ejensii Walta'iinsa Idil-Addunyaa Japaan (JICA) hariirooa  isaanii caalaatti  ni cimsu

Ebla12/2018(ENA) Itiyoophiyaa fi Ejansii Walta'iinsa Idil-addunyaa Japaan (JICA) tumsa  Misoomaasaanii caalaatti akka  cimsan  beeksisan.

 Jilli  Itiyoophiyaa Ministeera Maallaqaa Ahmed Shideen durfamu,  walgahii yeroo  Birraa  kan Dhaabbata Maallaqaa Addunyaa (IMF) fi Baankii Addunyaa bara 2026,gaggeeffamu  cinaatti   Itti Aanaa Pireezidaantii Ejansii Walta'iinsa Idil-addunyaa Japaan (JICA) Na’ookii Aandoo waliin mari'ateera.


 

Ministir  Ahmed Shidee,  Itiyoophiyaan Japaanii fi Ejansii Walta'iinsa Idil-addunyaa Japaan (JICA) waliin walta'iinsa waggoota dheeraaf qabdu  dinqisiifachuun  ibsaniiru.

 Keessattuu, damee bu'uuraalee Misoomaa, Qonnaa, Fayyaa, Barnootaa, Maallaqaa, Teekinikaa fi ijaarsa dandeettii irratti deeggarsa Ejansichi taasisaa jiruuf galateeffataniiru.

Ministir Ahimed Shidee Itti Aanaa Pireezidaantichaaf Riifoormii dinagdee Itiyoophiyaa ilaalchisee ibsa kennaniiru.


 

Ejensiin Walta’insa Idil-Addunyaa(JICA)damee Aviyeeshinii (Xiyyaaraa), Misooma Anniisaa fi bu'uuraalee Misoomaa Daandii irratti gargaarsa taasisu akka cimsu Odeeffannoo ENAn Ministeera Maallaqaarraa argate mul’isa.

Itiyoophiyaan qophiii yaa'ii KOP 32 (COP32) taasisaa jirtu  irrattis kan mari'atan yoo ta'u,  JICA karoora cimaa jijjiirama qilleensaa fi misooma magariisa irratti akka hirmaattu waamicha dhiyeessaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015