Tamsaasa Kallatti:

Itiyoophiyaa fi gamtaan Awurooppaa tumsa tarsiimawaa ni cimsu

Ebla 12/2018 (ENA)- Itiyoophiyaa fi gamtaan Awurooppaa tumsa tarsiimawaa akka cimsan ibsan.

Jilli ministira maallaqaa Ahimad Shideen durfamu walgahii baatii birraa dhaabbata maallaqaa addunyaa fi baankii addunyaa bara 2026 Waashiingitan Diisiitti gaggeeffamu cinaatti komishinarii tumsa idil addunyaa gamtaa Awurooppaa Jooseef Siikelaa waliin marii gamlamee gaggeesseera.

Mariin kun tumsa tarsiimawaa Itiyoophiyaa fi gamtaa Awurooppaa jidduu jiru sadarkaa olaanaatti guddisuuf kan xiyyeeffate ta’un ibsameera.


 

Tumsa dinagdee qaamolee lamaan jidduu jiru guddisuurratti kan xiyyeeffate akka tures odeeffannoon ENA’n ministeera maallaqaarraa argate ni mul’isa.

Fooyyessa dinagdee Itiyoophiyaa deeggaruuf, dirree invastimantii caalaatti fooyyessuuf, hojiilee jijjiirama haala qilleensaa damdamachuu dandeessisanii fi galmoota guddina dinagdee fulla’aa irratti tumsaan hojjechuuf kallattiin kaa’amuu ibsameera.

Itiyoophiyaa fi gamtaan Awurooppaa fayyadama waloo mirkaneessuu karaa danda’amuun tumsa cimsuuf kutannoosaanii mirkaneessuunsaanii himameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015