Tamsaasa Kallatti:

Manni Murtii  Olaanaa Godinichaa Qabinsa ragaa fi kenna tajaajilaa Ammayyeessuun  itti quufinsa maamilaa guddisaa jira

 Ebla 12/2018 (ENA)- Manni Murtii Olaanaan Godina Jimmaa qabinsa ragaa fi  kenninsa tajaajilaa  ammayyeessuun  itti quufinsa  maamilaa gudidsaa jiraachuun ibsame.
Dhaabbilee Mootummaa " Dijitaala Itiyoophiyaa " hojiirra oolchaa jiran keessaa dhaabbileen haqaa adda durummaan eeramu.

Haaluma kanaan, Manni Murtii Olaanaa Godina Jimmaa hoj-maata qabinsa odeeffannoo fi kenniinsa tajaajilaa ammayyeessuudhaan, tajaajilamtoonni bakka jiran ta’anii viidiyoo konfiraansiin dhaddacha  akka  hordofan taasisaa jira.   
 
Dhimma kana ilaalchisee, ENA’n tajaajilamtoota Mana Murtii Olaanaa Godina Jimmaa fi Pirezidaantii Mana Murtichaa dubbiseera.

Tajaajilamtoota mana murtichaa keessaa jiraataan Godina Jimmaa, Aanaa Maannaa obbo Jawaar Abbaarayyaa,  adeemsa haqaa hordofuuf viidiyoo konfiraansii fi hoj-maanni dijitaala hojiirra ooluun isaanii, haqaa argachuuf gara Mana Murtii Olaanaa Godina Jimmaa deemuuf baasii baasaa  turan akka isaaniif  hambise dubbataniiru.

Jiraataan Aanaa Nadhii Gibee  obbo Misbaah Sheek Iimaam gama isaaniitiin, akka jedhanitti,  tajaajilli Dijitaalaa Mana Murtichaa hojii idilee isaanii irraa adda osoo hin bahiin,  bakka jiran ta’anii haqa si’ataa  akka argatan isaan dandeessisuu ibsaniiru.
 
Tajaajilli dijitaalaa mana murtichaa odeeffannoo yeroo gabaabaa keessatti argachuuf kan gargaaruu fi hojii kan salphisu ta’uu Ogeettii seeraa fi Abukaattoo kan ta’an Taadalech Dhibaayuu  ibsaniiru.
Tajaajilli haqaa dijitaala ta’uun isaa tajaajilamaafis ta’e ogeeyyota seeraaf furmaata kenneera jedhaniiru.


Rakkoolee Aanaatti furamuu hin dandeenyeef tajaajilamtoonni gara Magaalaa Jimmaa dhufuu hin qaban jechuun Abbaan seeraa Mana Murtii Olaanaa Godina Jimmaa, Taajuu Sharif ibsaniiru.

 Hoj-maanni ammayyaa kun tajaajilamtoonni iyyannoo isaanii ‘'e-faayiliin' (e-file) ergatanii, bakka jiran ta’anii falmachuu ykn dhimma isaanii hordofuu akka danda’an carraa bal’iseera jedhaniiru.

Tajaajilli kun waraqaa malee kennamuunsaa, tajaajilicha ariifachiisuu bira darbee, Iftoomina Odeeffannoo uumuuf gargaaruusaa eeraniiru. 

Pirezidaantiin Mana Murtii Olaanaa Godina Jimmaa, obbo Toofiq Shamsuu gama isaaniitiin, Godinichi  kenniinsa tajaajila haqaa ammayyeessuu fi gahuumsa isaa dhugoomsuuf appilikeeshinoota garaagaraa hojiirra oolchuusaa ibsaniiru. 


Dhaddachi viidiyoo konfiraansii qulqullina qabuun gaggeeffamaa jiraachuusaa eeranii, himataaf, ol-iyyannoo fi tajaajiloota kana fakkaataniif gara Mana Murtii Olaanaatti dhufuu osoo hin barbaachisiin, Aanaa fi kilaastara gandaa taa’anii  hordofuu akka qaban dubbataniiru.
 
Dabalataanis, Godinichatti Aanaalee 19 keessatti, Waajjira Abbaa Alangaa fi Mana Murtii gidduutti tuttuqaa  waraqaa malee, karaa dijitaalaan waljijjiirraa odeeffannoo saffisaa taasifamaa jira jedhaniiru. 

Fuuldurattis tajaajiloota sirna haqaa saffisiisan Aanaalee hunda keessatti babal'isuudhaan, " Dijitaala Itiyoophiyaa " dhugoomsuuf hojjetamaa jiraachuusaa ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015