Tamsaasa Kallatti:

Riifoormiin fooyyessa dinagdee gooroo guutuun damee dhuunfaa cimsuudhaan invastimantii idil addunyaa hawachuu danda’eera

Ebla 12/2018 (ENA)- Riifoormiin fooyyessa dinagdee gooroo guutuun sharafni alaa gabaadhaan akka murtaa’u gochuunii fi hirmaannaa invastimantii damee dhuunfaa guddisuudhaan bu’aa qabatamaa galmeessisiisuusaa de’eetaan ministira maallaqaa Samariitaa Sawaasawu ibsan.

Foramiin biizinasii gamtaa Awurooppaa fi Itiyoophiyaa mata duree “gabaa addunyaa keessa seenuuf dandeettii jirutti gargaaramuu” jedhuun Finfinneetti gaggeeffamaa jira.

De’eetaan ministira maallaqaa Samariitaa Sawaasawu wayita kana akka jedhanitti, waggoottan darban Itiyoophiyaan riifoormii hunda galeessa guddina fulla’aa galmeessisuu dandeessisu taasifteetti.

Itiyoophiyaan riifoormii hammataa fi hunda galeessa gochuun humna guutuu qabdu fayyadamuu kan dandeessisu jijjiirama fidaa akka jirtu ibsaniiru.

Foramiin biizinasii Itiyoophiyaa fi gamtaa Awurooppaa Itiyoophiyaan dandeettii qabdu baasuuf, tumsa uumuuf, filmaata gabaa sonuuf murteessaa ta’uu dubbataniiru.

Riifoormiin fooyyessa dinagdee gooroo guutuun damee dhuunfaa cimsuudhaan invastimantii idil addunyaa hawachuu danda’uusaa ibsaniiru.

Riifoormiin booda kuusaan sharafa alaa dabaleera, qaala’insi gatii hir’ateera, baay’inni sharafaa daldala alaarraa argamu baay’ee guddateera jedhaniiru.

Bara bajataa kana dinagdeen Itiyoophiyaa dhibbantaa 9 tuqaa 2 akka guddatu dhaabbanni daldalaa idil addunyaa raaguusaa eeraniiru.

Mootummaan hirmaannaa fi gabaa dijitaalaa damee dhuunfaa cimsuuf sirna kaffaltii fi tajaajila dijitaalaa ammayyeessuusaa dubbataniiru.

Gamtaan Awurooppaa fi biyyoonni miseensaa Itiyoophiyaa keessatti invasti gochuu akka danda’an ibsanii, mootummaan Itiyoophiyaa invastarootaaf deeggarsa barbaachisu gochuuf qophiidha jedhaniiru.

Komishinariin tumsa idil addunyaa gamtaa Awurooppaa Joozeef Sikalaa, Itiyoophiyaan gamtaa Afriikaa kan hundeessite, biyya bunni irraa argame invastimantiif kan mijatte biyya seena qabeettii ta’uushee ibsaniiru.

Itiyoophiyaan tarkaanfiiwwan imaammataa daldalaa fi invastimantii cimsan fudhachuudhaan eessa gahuu akka dandeessu ifatti mul’ifteetti jedhaniiru.

Gamtaan Awurooppaa bu’ura misoomaa fi bu’ura misoomaa dijitaalaa sadarkaasaanii eeggatan barbaada kan jedhan komishinarichi, gamtichi deeggarsa ijaarsa bu’ura misoomaa baadiyyaaf taasisu ciminaan akka itti fufu ibsaniiru.

Foramiin biizinasii gamtaa Awurooppaa fi Itiyoophiyaa kun dhaabbilee daldalaa jidduutti akkasumas mootummaa fi dhaabbilee daldalaa jidduutti marii bu’a qabeessa gochuuf ni gargaara jedhaniiru.

Barreessaan olaanaa riijinii daldala bilisaa Ardii Afriikaa Wamkellee Meenee, kaampaaniiwwan Awurooppaa kuma afur caalan Ardii Afriikaa keessatti hirmaachuudhaan addunyaarraa adda duree ta’uusaanii ibsaniiru.

Mootummaan Itiyoophiyaa riifoormii maqaa qabu gochuun biyyatti Afriikaarraa biyya dinagdee guddaa qabdu idhee taasiseera jedhaniiru.

Haala Kanaan daldallii fi Invastimantiin Itiyoophiyaa keessatti qofa osoo hin ta’iin ummata Afriikaa biiliyoona tokko tuqaa afur caaluuf haala qabaa nama dadammaqsu uumuusaa ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015