Tamsaasa Kallatti:

FedereeshiniinAtileetiksii Itiyoophiyaa yaa’ii waggaa waliigalaa 29ffaa gaggeessuu  eegale 

Ebla 12/2018 (ENA)፦ Federeeshinii  Atileetiksii Itiyoophiyaa  yaa’ii idilee waliigalaa 29ffaa har’a Finfinneetti gaggeesuu  eegaleera. 
Yaa’ii hanga boruutti turu kanarratti, gabaasni raawwii karoora bara baajataa 2017 irratti mari'atamee ragga'eera.
Yaa’ichi  odiitara alaa moggaasuu  akkasumas gabaasa odiitii alaa bara baajataa 2017 dhaggeeffatee mari'achuun raggaasisuuf ajandaawwan qabateera. 



Itti dabalees, karoora hojii fi baajata bara 2018 irratti mari'achuun murtoo kan dabarsu ta'a. 
Gama biraan  Yaa'icharratti  dhimmoonni  sirna hoj-maata  dhaabbataa (rifoormii) fi qorannoo caasaa humna namaa ilaaluun raggaasisuu yoo ta'u, seera itti bulmaata Federeeshinichaa fooyya'e  qoratee  kan raggaasisu ta'uus ni  eegama.
Yaa’ichi karoora tarsiimawaa waggaa shanii akkasumas qajeelfama bittaa, faayinaansii fi bulchiinsa qabeenyaa Federeeshinichaa Fooyya'e ajandaan  godhachuun  mari'atee akka raggaasisu  Odeeffannoon Federeeshinichaarraa argame  ni mul'isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015