Tamsaasa Kallatti:

Ejensichi gamaggama baatii sagalii gaggeesseen Al-Seerummaa damicharratti mul’atu ittisuuf akka hojjetu beeksise

Ebla 12/2018 (ENA)-Ejensiin Geejiba Oromiyaa Gamaggama Raawwii hojii batii sagalii gaggeesseen Al-Seerummaa sektaricha irratti mul’atu furuu fi nageenya Tirafikaa Mirkaneessuuf xiyyeeffannoon akka hojjetu beeksiseera.

Ejensichi gamaaggama hojii Ebla 10 irraa eegalee guyyaa lamaaf geggeesseen tajaajilli Geejjibaa rakkoo akka qabu adda baasuun haala kenna tajaajilaa fooyyessuun danda'amu irratti marii’achuun kallattii kaa’eera.


 

Gamaaggama gaggeeffameen rakkoo kenna tajaajilaa Geejibaan buufata konkoklaataa keessatti mul’atu sirreessuuf xiyyeeffannoon kan hojjetamu ta’uu Hogganaan Ejensii Geejjiba Oromiyaa Obbo Kamaal Maammee ibsaniiru.

Gamaggamichaan kenna tajaajila Geejibaan wal qabatee buufata konkolaataa keessatti Al-seerummaan kana akka Taarifaan ol kaffalchiisuu, darbaa fe'uu, konkolaataa sarara bobbii irratti hin argamne, baashaarii ykn Jokkaa buufataa fi naannoo buufataa jiran, motorota seera maleeyyii fi kanneen biroon akka mul’atu ibsaniiru.


Rakkoo fi komii tajaajila Geejjibaa keessa jiru furuun itti quufiinsa ummataa dabaluun Amantaa ummanni Mootummaa irratti qabu guddisuuf ni hojjetama jedhaniiru.

Rakkoolee Tajaajila Geejjibaan adda baafaman hanbisuuf guutummaatti teekinooloojiin deggeruunii fi Al-naamuusummaa sektaricha keessaa dhabamsiisuuf xiyyeeffannoon kan hojjetamu ta’uu himaniiru.

Ejensii Geejjiba Oromiyaarraa( EGO) irraa

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015