Tattaaffiin keenya dinagdee dorgomaa ijaaruuf kutannoo qabnu kan agarsiisudha - Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimad - ENA Afaan Oromoo
Tattaaffiin keenya dinagdee dorgomaa ijaaruuf kutannoo qabnu kan agarsiisudha - Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimad
Ebla 12/2018(ENA) - Tattaaffiin keenya dinagdee caalaatti dorgomaa fi hunda hammate ijaaruuf kutannoo fi dandeettii qabnu kan agarsiisudha,' jedhan Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad.
Har’a ganama, raawwii hojii mootummaa kurmaana 3ffaa guyyoota 100 , raawwii waliigalaa ji’oota sagal jalqabaa gamaaggamuu jalqabne jedhani.
Haala dinagdee guddinaaf mijataa hin turree fi bu’uura dhaabbilee fi siyaasaa laafaa, hirmaannaan damee dhuunfaa daangeffamee fi haala danbii bu’a qabeessa hin taane irraa baaneerra jechuun ibsaniiru.
Dameen dhuunfaa dorgommii laafaa keessa akka ture hubachiisuun; dhaabbileen daldala mootummaa baay’een fe’umsa liqaa guddaan itti fe’amee dandeettii isaanii gadi hojjechaa akka turan dubbatani.
Wayita ammaa dinagdee haala yeroo waliin adeemu ijaaruus himaniiru.
Haalli dinagdee haaraan fudhanne kun yeroo gabaabaa keessatti guddina cimaa dijiitii lamaa galmeessisuun isaa ni yaadatama.
Diinagdeen keenya yeroo ammaa dhibbeentaa 9.2’n guddachaa jira. Guddinni kun bara dhufu gara dhibbeentaa 10.2tti akka ol guddatu ni eegna. Tokkoon tokkoon damee irratti galma qabnu galmaan ga’uuf cimnee hojjechuu keenya itti fufna.
Guddinni qonnaa dhibbeentaa 7.9, industirii dhibbeentaa 13.2, tajaajila irratti ammoo dhibbeentaa 9.3, osoo addaan hin citiin kan hojiirra oolan ta’uu hubachiisaniiru ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad.