Ameerikaan jijjiirama diinagdee Itiyoophiyaaf deeggarsa taasiftu guddisuuf kutanoo qabdu ibsite - ENA Afaan Oromoo
Ameerikaan jijjiirama diinagdee Itiyoophiyaaf deeggarsa taasiftu guddisuuf kutanoo qabdu ibsite
Ebla 12/2018 (ENA): Ameerikaan jijjiirama diinagdee Itiyoophiyaaf deeggarsa taasiftu cimsitee akka itti fuftu beeksifte.
Jilli sadarkaa olaanaa Ministira Maallaqaa Ahimad Shiideen durfamu walga’ii Birraa Baankii Addunyaa fi IMF cinaatti aanga’oota olaanoo waajjira qabeenyaa Ameerikaa waliin Waashingitan DCtti walga’uun tumsa dinagdee irratti mari’ateera.
Mariin kun walitti dhufeenya daldalaa fi invastimantii guddisuu irratti kan xiyyeeffate yoo ta’u, carraawwan invastimantii tarsiimoo, kanneen akka ijaarsa Buufata Xiyyaaraa Idil-addunyaa Bishooftuu haaraa irratti marii bal’aa kan hammate ta’uu ibsameera.
Qondaaltonni Ameerikaa Itiyoophiyaan haaromsa diinagdee keessatti guddina jajjabeessaa taasifte dinqisiifataniiru.
Hoggantoonni kunneen, Ameerikaan jijjiirama diinagdee Itiyoophiyaa deeggarsa ogummaa, hirmaannaa damee dhuunfaa fi walta’iinsa dhaabbilee faayinaansii idil-addunyaa waliin taasisuun akka itti fuftu irra deebi’anii mirkaneessaniiru.
Qaamonni lamaan aantummaa dinagdee waliin qaban tarkaanfachiisuu, guddina saffisiisuu, hariiroo dinagdee biyyoota lamaanii babal’isuuf waliigaluu isaanii Ministeerri Maallaqaa ibsa ENA’f kenneen beeksiseera.
#Enaa Afaan Oromoo #ENA