Tamsaasa Kallatti:

Itiyoophiyaa fi Ingiliz hariiroo misoomaa fi invastimantii cimsuuf walii galan

Ebla 12/2018 (ENA) - Itiyoophiyaa fi Ingiliz hariiroo misoomaa fi invastimantii cimsuuf walii galaniiru.

Ministirri maallaqaa Ahimad Shidee walgahii dhaabbata maallaqaa idil addunyaa fi baankii addunyaa baatii birraa gaggeeffamaa tureen cinatti ministira misoomaa idil addunyaa Ingiliz Baroniis Chaapmaan waliin mari’ataniiru.

Marii taasisaniinis tumsaa fi wal deeggarsa misoomaa daldalaa fi invastimantii biyyoota lamaan jidduu jiru cimsuuf walii galaniiru.

Adeemsa riifoormii dinagdee cimaa Itiyoophiyaa keessa jiruu fi milkaa’inoota argaman ilaalchisuun obbo Ahimad Shideen ibsaniiru.

Tumsa cimaa Itiyoophiyaan Ingiliz waliin qabdu ministirichi kaasanii, mootummaan ida’amuu mootummaan Ingiliz deeggarsa godhu akka cimsu gaafataniiru.

Baroniis Chapmaan gamasaaniin, hojii jijjiiramaa Itiyoophiyaan gaggeessaa jirtu dinqisiifatanii, mootummaan Ingiliz tumsa misoomaa taasisu cimsuuf kutannoo akka qabu ibsaniiru.

Kana malees Itiyoophiyaan nagaa fi tasgabbii gaanfa Afriikaa ilaalchisuun qooda ijoo isheen qabdu kaasaniiru.

Qaamni lamaan marii taasisaniin tumsa biyyoota lamaanii bal’isuun gamatti gama daldalaa misoomaa fi invastimantii akkasumas gama dinagdeetiin tumsa isaanii cumsuuf walii galaniiru.

Ena Afaan Oromoo#ENA#Riifoormii

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015