Ayyaanni Shuwaalid hambaa addunyaatti galmaa’uunsaa tuuristiin akka dabalu qooda olaanaa qaba - ENA Afaan Oromoo
Ayyaanni Shuwaalid hambaa addunyaatti galmaa’uunsaa tuuristiin akka dabalu qooda olaanaa qaba
Ebla 11/2018 (ENA)- Ayyaanni Shuwaalid hambaa kiliyyaa addunyaatti galmaa’uunsaa tuuristiin akka dabalu qooda olaanaa qaba jechuun ibsan bulchaan naannoo Hararii Ordiin Badrii ibsan.
Sablammiin Hararii wagga waggaan kan kabaju ayyaanni aadaa Shuwaalid magaalaa Finfinneetti kabajameera.
Bulchaan naannichaa Ordiin Badrii wayita kana akka jedhanitti, ayyaanni Shuwaalid duudhaa hawaasummaa keenya gabbisuudhaan tokkummaan caalaatti akka gabbatu gochuun gamatti qabeenyota turizimii naannoo Harariitti argaman beeksisuudhaan fayyadama dinagdee damee garagaraa mirkaneessuuf ni gargaara.
Shuwaalid keessumaa dameen turizimii naannichaa akkasumas biyyattii akka guddatu gama gochuutiin faayidaa olaanaa akka qabu eeraniiru.
Naannichi humna gama tuurizimiin jirutti fayyadamuun fayyadama ummataa mirkaneessuuf xiyyeeffannoon hojjechaa akka jiru beeksisaniiru.
Walgahii baatii Sadaasaa bara 2016 Botswaanaatti gaggeeffameen Yuneskoo’n kabaja ayyaana Shuwaalid hambaa kiliyyaatti galmeessuunsaa niyaadatama.