Miidiyaaleem dhaabbile amantaa seera Itiyoophiyaa ittiin hundeeffaman kabajuu qabu-Mu’aaze Xibabaat Daaqon Daani’eel Kibrat - ENA Afaan Oromoo
Miidiyaaleem dhaabbile amantaa seera Itiyoophiyaa ittiin hundeeffaman kabajuu qabu-Mu’aaze Xibabaat Daaqon Daani’eel Kibrat
Ebla 10/2018 (ENA)- Miidiyaaleen dhaabbile amantaa seera Itiyoophiyaa ittiin hundeeffaman kabajuu akka qaban ministirri gorsaa dhimmoota hawaasummaa ministira muummee Mu’aaze Xibabaat Daaqon Daani’eel Kibrat ibsan.
Abbaan taayitaa miidiyaalee Itiyoophiyaa bu’aa tamsaasa qabiyyee hordoffii fi qorannoo miidiyaalee dhaabbilee amantaa irratti gochaa ture ilaalchisuun sagantaa qopheesseera.
Sagantaa Mata duree “miidiyaaleen dhaabbilee amantaa nageenyaa fi waloomaaf” jedhuun qophaa’erratti bakka bu’oota miidiyaalee dhaabbilee amantaa garagaraa waliin marii gaggeeffameera.
Abbaan taayitaa miidiyaalee Itiyoophiyaa ittigaafatama lakk. Labsii miidiyaalee 1238/2013, kennameefiin qabiyyee hojiilee miidiyaalee dhaabbilee amantaa hordofuu fi qorachuun tsrkaanfii sirreeffamaa ni fudhata.
Ministirri gorsaa dhimmoota hawaasummaa ministira muummee Mu’aaze Xibabaat Daaqon Daani’eel Kibrat wayita kana akka jedhanitti, miidiyaaleen dhaabbilee amantaa irra caalaan qabiyyee amantaa qajeelfamarratti hundaa’e ni hojjetu.
Garuummoo miidiyaalee amantaa hojii gaarii hojjetan keessaa kaayyoo faallaa kan qaban xiqqaan hojii gaarii kanneen biroo ni balleessa jedhaniiru.
Miidiyaaleen amantaa seera Itiyoophyaan kan hundaa’an ta’uu ibsanii, seera Itiyoophiyaa kabajuuf dirqama qabu jedhaniiru.
Dhaabbileen amantaa daangaa kan cehan ta’uu eeruun, haa ta’u malee biyyi daangaa fi birmadummaa akka qabdu ibsaniiru.
Namoonni amantaa wal fakkaataa hordofan Itiyoophiyaa keessaa fi ala jiran kan gaafataman seera biyyasaaniin qofa ta’uu dubbataniiru.
Miidiyaaleen dhaabbilee amantaa akka hundeeffamu kan gaafatame amantaa barsiisuuf nuuf haa eyyamamu jechuun akka ta’e ibsanii, kaayyoo hundeeffamaniif ala hojjechuun seera cabsuudha jedhaniiru.
Kanaaf ammas seerri nuuf haa fooyya’u jedhanii gaafachuudha malee seeraan ala hojjechuun sirrii akka hin taane ibsaniiru.
Miidiyaaleen amantaa ummata waloo fi duudhaan akka gabbatu qoodasaanii yemmuu bahatan rakkoolee biroollee akka furan dubbataniiru.
Miidiyaaleen dhaabbilee amantaa gamtaa waloo uumuun gaaffii qindaa’e gaafachuu akka danda’an ibsanii, gamtaan kun akka hundeeffamu moorummaan deeggarsa barbaachisu ni taasisa jedhaniiru.
Ministirri nageenyaa Mahaammad Idriis gamasaaniin, Itiyoophiyaa biyya taatee akka itti fuftu qoodni dhaabbilee amantaa olaanaa ta’uu kaasaniiru.
Akkaataa heera mootummaa irratti tumameen amantaan dhimma mootummaa keessa mootummaan dhimma amantaa keessa akka hingalle ibsanii, birmadummaa kana cimsuuf itti gaafatamummaa fudhatanii hojjechuu qabu jedhaniiru.
Miidiyaaleen amantaa Itiyoophiyaa jiraachuunsaanii eebba guddaada kan jedhan ministirichi, walooma ummataa fi ijaarsa nageenyaaf qooda olaanaa akka qabu ibsaniiru.
Mmiidiyaaleen amantaa eebba waloomaa ta’anii osoo jiranii dogoggorri uuman funyoo waloomaa bara baraan jiraate addaan kuta jedhaniiru.
Kanaaf mootummaan nageenyaa fi tasgabbii lammiilee eegsisuuf itti gaafatama waan qabuuf daandiirraa yoo maqan seera akka kabachiisu ibsaniiru.
De’eetaan ministiraa tajaajila komunikeeshinii mootummaa Tasfaahun Goobazaayi akka ibsanitti, miidiyaaleen amantaa, amantaan gamatti duuhaalee hawaasummaa hawaasichaa calaqqisiisuu qabu.
Dhaabbileen amantaa hundi nageenya, tasgabbii fi eenyummaa Itiyoophiyaarratti garaagarummaa qabaachuu akka hin qabne ibsaniiru.
Amantaaleen hundi wal danda’uu akka lallaban ibsanii, dhimmoota ijaarsa duudhaa hawaasaa waliin wal qabatan irratti hojjechuu qabu jedhaniiru.