Gaamootti lammiilee sababa balaa uumamaan buqqa’aniif gargaarsi namoomaa Birrii miiliyoona 2tti tilmaamamu taasifame - ENA Afaan Oromoo
Gaamootti lammiilee sababa balaa uumamaan buqqa’aniif gargaarsi namoomaa Birrii miiliyoona 2tti tilmaamamu taasifame
Ebla 10/2018 (ENA): Namoota godina Gaamootti balaa uumamaatiin buqqa’aniif gargaarsi namoomaa Birrii miiliyoona 2tti tilmaamamu taasifameera.
Gargaarsi namoomaa kun har’a Tajaajila Inshuraansii Fayyaa Itiyoophiyaa fi Kutaan Gurmaa’ina Mana Barumsa Sanbataa Waldaa Ortodoksii Tawaahidoo Itiyoophiyaa, akkasumas qindoomina Waajjira Qindeessaa Waldaa Misooma Waloo fi barsiisa wangeelaa Afaan Gaamoo waliin ta’uun kan kennamedha.
Daarektarri Olaanaan Tajaajila Inshuraansii Fayyaa Itiyoophiyaa obbo Tasfaayee Warquu walharkaa fuudhinsa deeggarsa kanarratti akka himanitti, Itiyoophiyaanonni aadaa walgargaaruu guddifate qabu jedhani.
Dhaabbatichi dameelee 24 qindeessuun Bulchiinsa godina Gaamootiif deeggarsa nyaataa fi meeshaa Birrii miiliyoona 1 olitti tilmaamamu geesseera.
Namoota balaa kanaan buqqa’an deebisanii dhaabuun lammiilee Itiyoophiyaa hundarraa eegama waan ta’eef deeggarsi har’a eegale cimee itti fufa jedhan.
Haaluma walfakkaatuun Waldaa Ortodoksii Tawaahidoo Itiyoophiyaa Kutaan Gurmaa'ina Mana Barumsa Dilbataa, Misooma Waloo Waldoota Gaamoo fi Waajjirri Qindeessaa barsiisa macaafa qulqulluu Afaan Gaamoo waliin ta'uun deeggarsa namoomaa Birrii miiliyoona 1tti tilmaamamu taasisaniiru.
Gargaarsi kun uffata qorraa, uffata ga’eessotaa fi daa’immanii, kophee fi meeshaalee biroo akka ta’e ibsameera.
Bakka bu’aan qindeessaa gargaarsaa obbo Xugaamoo Yaalsoo dhimmiin lammiifi waan ta’eef nutis buqqaatota gargaaruuf gahee keenya ni baana jedhan.