Magaalaa Ambootti Abbootiin qabeenyaa kaappitaala birrii miiliyoona 900 ol galmeessisan gara hojiitti seenaniiru - ENA Afaan Oromoo
Magaalaa Ambootti Abbootiin qabeenyaa kaappitaala birrii miiliyoona 900 ol galmeessisan gara hojiitti seenaniiru
Eebila 10/2018 (ENA): Magaalaa Ambootti Abbootiin qabeenyaa kaappitaala birrii miiliyoona 900 ol galmeessisan gara hojiitti seenaniiru.
Ji’oota sagal jalqabaa waggaa kanaa keessatti dameewwan invastimantii adda addaa irratti hojjechuu eegaluu Waajjirri Invastimantii fi Industirii bulchiinsa magaalichaa beeksise.
Itti gaafatamaan Waajjira Invastimantii fi Industirii Bulchiinsa Magaalaa obbo Jifaaraa Caalchisaa ENAtti akka himanitti, waa’ee sochii invastimantii Magaalaa Amboo fi naannawa ishee ilaachisuun abbootiin qabeenyaa hedduun jijjiirama booda haala mijataa damicha keessatti uumame fayyadamuun dameewwan invastimantii adda addaa irratti hirmaachuun namoota hedduuf carraa hojii uumaa akka jiran ibsaniiru.
Keessattuu dameewwan oomishaa, industirii qonnaa, tajaajilaa fi kanneen biroo irratti hirmaachaa akka jiran hubachiisaniiru.
Abbootii qabeenyaa kaappitaala birrii miiliyoona 900 ol qaban ji’oota sagal jalqabaa bara baajataa keessatti hojii eegaluu isaanii ibsaniiru.
Bulchiinsa magaalichaa waliin ta’uun bu’uuraalee misoomaa, dhiyeessii lafaa fi tajaajilli mijataa ta’e irratti hojjetamuu yaadachiisuun, misoomsitoonni baay’inaan dabalaa dhufuu isaanii ibsaniiru.
Bara baajataa kana ji’oota sagal qofa keessatti lafti hektaarri 42 misoomsitootaaf kan kenname akka fakkeenyaatti kaasaniiru.
#Ena Afaan Oromoo #ENA