Tamsaasa Kallatti:

Miidiyaaleen Dhaabbilee amantaa dhimma nageenyaa fi tokkummaaf itti gaafatamummaan hojjechuu qabu

Eebila 10/2018 (ENA): Miidiyaaleen Dhaabbilee amantaa dhimma nageenyaa fi tokkummaaf itti gaafatamummaan hojjechuu qabu jedhan Daarektarri Olaantuu Abbaa Taayitaa Miidiyaa Itiyoophiyaa Haayimanot Zallaqaa.


 

Abbaan Taayitaa Miidiyaa Itiyoophiyaa bu’aa hordoffii fi madaallii raabsa qabiyyee dhaabbilee miidiyaalee amantaa ji’oota sadan darbanii irratti raawwate ifoomsuu sagantaa qopheesseera.

Sagantaa mata duree "Dhaabbilee miidayaalee Amantaa naageenyaa fi tokkummaaf" jedhuun gaggeeffamaa jiru kanarratti Gorsaan Dhimma Hawaasummaa Ministira Muummee, Diyaaqon Daani'eel Kibret, Ministira Nageenyaa Mohaammad Idriis, De’eetaa Ministira Tajaajila Komunikeeshinii Mootummaa, Tasfaahun Gobazayii fi bakka bu'oonni dhaabbilee fi miidiyaalee amantaa argamaniiru.

Akka Daarektarri Olaantuu Abbaa Taayitaa Miidiyaa Itiyoophiyaa Haayimanot Zallaqaa jedhanitti, dhaabbileen miidiyaalee amantaa barsiisa amantaa, tokkummaa, wal-hubannoo, jaalala, nageenya, misoomaa fi duudhaa waloo dabarsuudhaan hawaasaa fi hordoftoota isaaniif gumaacha gaarii taasisaniiru.

Seerota miidiyaa jijjiirama biyyaalessaa dura turan jalatti dhaabbileen miidiyaalee amantaa hundeessuun, beekamtii seeraa fi hayyama akka hin arganne dhorkamuu isaanii ibsaniiru.

Haa ta’u malee, haaromsa miidiyaa biyyaalessaa kanaan imaammanni fi labsiin miidiyaa fooyya’ee dhaabbileen amantaa beekamtii seeraa fi hayyama tamsaasaatiin akka socho’an haala mijataa uumuun isaa ni yaadatama.

Abbaan Taayitaa dhaabbilee Miidiyaalee amantaa hunda waliin qindoominaan hojii hordoffii fi deeggarsa barbaachisaa ta’e raawwachuun miidiyaaleen dhaabbilee kanaa hayyama argachuu fi akkaataa beekamtii seeraa isaaniif kennameen akka socho’an taasisaa turuu ibsaniiru.

Miidiyaaleen amantaas akkaataa seera biyyattii fi duudhaa amantaatiin akka socho’an waamicha dhiyeessaniiru.


 

Barreessaa olaanaa Mana Maree Dhaabbilee Amantaa Itiyoophiyaa fi Miseensa Boordii Abbaa Taayitaa Miidiyaa Itiyoophiyaa luba Taagaay Taaddalaa gamasaaniitiin, dhaabbileen amantaa nageenyaa fi waldanda’uu biyyattiif gumaacha olaanaa akka taasisan ibsaniiru.

#Ena Afaan Oromoo #ENA

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015