Guddinni Misooma magaalichaa miidhagina Itiyoophiyaa mul’isuun qooda guddaa gumaachaa jira – kantiibaa Adaanach Abeebee - ENA Afaan Oromoo
Guddinni Misooma magaalichaa miidhagina Itiyoophiyaa mul’isuun qooda guddaa gumaachaa jira – kantiibaa Adaanach Abeebee
Ebla 10/2018 (ENA)- Guddinni misoomaa Magaalaa Finfinnee maqaa fi bifa Itiyoophiyaa ol kaasuuf gumaacha guddaa gochaa jiraachuu Kantiibaa Adaanach Abeebee ibsan.
Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebee, kutaa Magaalaa Nifaas Silk Laaftoo keessatti iddoo Ispoortii "Arbaa Siddist Meeda" jedhamuun waamamuu eebbisuun tajaajila ummataaf banaa godhaniiru.
Kantiibaa Adaanach Abeebee wayita sana akka jedhanitti, dargaggoonni Finfinnee jaalala ispoortiif qaban guddaa ta'uu bulchiinsi Magaalichaa ni hubata jedhaniiru.
Kanaafis, dargaggoonni iddoo ispoortii sadarkaa isaa eeggate akka argatan gochuuf, gandoota hunda keessatti bu'uuraalee Misooma Ispoortii bal'inaan ijaaraa jiraachuu ibsaniiru.
Iddoowwan shaakala Ispoortii Magaalaatti ijaaramaa jiran dargaggoota qaamaanis ta'e sammuudhaan akka guddatan gargaaruuf akka ta'e dubbataniiru.
Gidduugalli dagaagina gabbisa Amalaa fi Safuu (Moral and Character Development)Finfinnee, dhaloota ga'umsaa fi fayyaa qabu mul'ata Itiyoophiyaa galmaan ga'u uumuuf gahee olaanaa akka qaban hubachiisaniiru.
Magaalichi fedhii fi fayyadamummaa dargaggootaa hunda galeessa ta'e giddu galeessa godhachuun hojjechaa akka jiru kaasaniiru.
Imala Badhaahina Itiyoophiyaa kan gufachiisu danda'u humni tokko illee akka hin jirre ibsuun, misooma keenya onnee fi murannoo guddaan cimsinee itti fufna jedhaniiru.
Finfinneen dhaloota dhufu giddu galeessa godhachuun Pirojektootni Misoomaa gurguddoon ijaaramaa jiran, maqaa fi bifa Itiyoophiyaa ol kaasuuf gahee murteessaa taphachaa akka jiran hubachiisaniiru.
Gara fuulduraattis hojiileen misoomaa fayyadamummaa jiraattota Finfinnee mirkaneessan, mijattuu, qulqulluu fi sadarkaa addunyaatti dorgtuu taate gonfachiisuuf cimsanii itti fufuu isaanii mirkaneessaniiru.