Dorgommii atileetiksii addunyaa yeroo jalqabaaf Itiyoophiyaatti gaggeeffamu - ENA Afaan Oromoo
Dorgommii atileetiksii addunyaa yeroo jalqabaaf Itiyoophiyaatti gaggeeffamu
Ebla 10 /2018 (ENA)- Atileetiksiin addunyaa Giraandi Piriiksi dorgommiin guyyaa tokkoo har’a Isstaadiyoomii Finfinneetti ni gaggeeffama.
Itiyoophiyaan seenaasheetiin yeroo jalqabaaf dorgommii atileetiksii idli addunyaa keessummeessuuf carraa kan argatte Guraandhala 2018dha.
Barreessaan olaanaa dorgommii atileetiksii addunyaa Piirsi Oklagan jalqaba baatii Guraandhalaa Itiyoophiyaatti daawwannaa hojii giyyaa lamaa taasisuunsaanii kan yaadatamudha.
Yeroo kanatti Itiyoophiyaan dorgommiiwwan idil addunyaa qopheesuuf humna ga’aa akka qabdu ibsanii, dorgommiiwwan garagaraa gara Itiyoophiyaa akka dhufan ni goona jechuunsaanii ni yaadatama.
Haaluma Kanaan dorgommiin atileetiksii addunyaa yeroo jalqabaaf Itiyoophiyaatti gaggeeffamu sagantaa dorgommii atileetiksii addunyaa kan wagga keessatti hammatameera.
Mootummaan dorgommii seena qabeessa kanaaf qophii barbaachisu taasiseera.
Dorgommiin har’a gaggeeffamu kun atileetonni Itiyoophiyaa qofti kan itti hirmaatanii fi atileetonni idil addunyaa kan uttu hirmaatan jechuun bakka lamatti qoodameera.
Atileetota beekamoo dorgomicharratti hirmatan keessaa lammiin Ameerikaa Gaabii Toomaas fi lammiin Keeniyaa Fardiinaandi Omaniiyalaa keessatti argamu.
Atileetonni Afriikaa, Awurooppaa, Isiyaa fi Ameerika Kaabaa dabalatee ardiiwwan garagaraarraa walitti dhufan 70 ol dorgommicharratti nihirmaatu.
Atiileetonni kunneen walakkaa torbee kanarraa eegaluun Istaadiyoomii Finfinneetti shaakalaa turaniiru.
Haarmosi Istaadiyoomii Finfinnee xumuramee dorgommiin qophii taasifameera.
Dorgommiin kun teeknooloojiin deeggaramee kallattiin (Live Stream) ni tamsaasama.
Kun ammoo maqaa gaarii Itiyoophiyaa addunyaaf beeksisuu fi tuurizimii Ispoortii guddisuuf faayidaa guddaa akka qabaatu ni eegama.
Atileetiksiin addunyaa Giraandi Piriin Finfinnee sadarkaan Naasaa kan kennameefidha.