Itiyoophiyaa fi Korporeeshiniin Faayinaansii Misoomaa Idil-addunyaa Ameerikaa (DFC) tumsa tarsiimaawoo isaanii cimsuuf kutannoo qaban ibsan - ENA Afaan Oromoo
Itiyoophiyaa fi Korporeeshiniin Faayinaansii Misoomaa Idil-addunyaa Ameerikaa (DFC) tumsa tarsiimaawoo isaanii cimsuuf kutannoo qaban ibsan
Eebila 09/2018 (ENA): Itiyoophiyaa fi Korporeeshiniin Faayinaansii Misoomaa Idil-addunyaa Ameerikaa tumsa tarsiimawaa isaanii caalaatti cimsuuf akka hojjetan beeksisan.
Walga’iin Birraa Baankii Idil-addunyaa fi Dhaabbata Maallaqaa Idil-addunyaa (IMF) Waashingitan Diisiitti geggeeffamaa jira.
Ministirri Maallaqaa obbo Ahimad Shidee, walga’icha cinaatti, Hoji-raawwachiisaa Korporeeshinii Faayinaansii Misoomaa Idil-addunyaa Ameerikaa (DFC) Been Bilaak waliin marii sadarkaa olaanaan taasisaniiru.
Marii kanarratti tumsa Itiyoophiyaa fi korporeeshinichaa (DFC) gidduu jiru cimsuurratti kan xiyyeeffate yoo ta’u, keessattuu dameewwan akka geejjibaa fi albuudaa irratti waliin hojjechuurratti mari’ataniiru.
Gareewwan lameen guddina itti fufiinsa qabuu fi hirmaachisaa saffisiisuuf gahee faayinaansiin misoomaa qabu gidduugaleeffachuun, tumsa dinagdee fi daldalaa cimsuuf haala danda’anirratti marii taasisaniiru.
Ministirichi, Itiyoophiyaan fooyya’insa Dinagdee Gooroo gama hundaan taasisaa jirtuu fi carraaqqii haala invastimantii fooyyessuuf taasifamaa jiru ibsaniiru.
Mootummaan invastimantii kallattii alaa (FDI) hawwachuuf haala mijataa uumuuf kutannoo qabu mirkaneessaniiru.
Korporeeshiniin Faayinaansii Misoomaa Idil-addunyaa Ameerikaa (DFC), Itiyoophiyaa keessatti keessattuu dameewwan bu’uura misoomaa fi kanneen biroo irratti hirmaannaasaa guddisuuf fedhii qabu irra deebi’ee ibseera.
Gareewwan lameen carraa faayinaansii fayyadamuufi bu’aa faayidaa waloo mirkaneessuuf tumsa fuulduraa barbaachisaa ta’uusaa irratti xiyyeeffataniiru.
Itiyoophiyaa fi Korporeeshinichi tumsa isaanii cimsuufi invastimantii Itiyoophiyaa keessatti xiyyeeffannoo argatan saffisiisuuf kutannoo waloo qaban ibsuu isaanii, odeeffannoo Ministirri Maallaqaa ENA’f ergeen beeksiseera.