Tamsaasa Kallatti:

Bulchiinsa Saba Oromoo Keessatti Sagantaan jalqabsiisa Dhaabbii Fuduraalee Kilaastaraan Eegalame

Eebila 9/2018 (ENA) : Gareen hoggantoota olaanoo bulchaan Mootummaa Naannoo Amaaraa obbo Araggaa Kabbadaa fi bulchaan Mootummaa Naannoo Affaar obbo Awwal Arbaan durfamu Godina Bulchiinsa Saba Oromoo, aanaa Dawaa Caffaa keessatti sagantaa jalqabsiisa dhaabbii fuduraa kilaastaraan eegalchiisaniiru.


 

Hoggantoota olaanoo kanneen dabalataanis, De’eetaan Ministeera Qonnaa Dr. Mallas Mokonnin, Af-yaa’iin Mana Maree Naannoo Amaaraa Aadde Faantuu Tasfaayee, sadarkaa itti aanaa bulchaa naannichaatti Qindeessaan Damee Misooma Magaalaa Naannichaa Dr. Ahimad diin Mahammadii fi Itti aanaan bulchaa naannichaa Dr. Abduu Huseen argamaniiru.

Kana malees, hoggantoonni naannoo fi godinaa biroo fi qooda fudhattoonni biroo saganticha irratti argamaniiru.

Bulchaan Olaanaa Bulchiinsa Saba Oromoo obbo Ahmad Alii wayita sana akka dubbatanitti, ikoloojii fi qilleensi godinichaa misooma fuduraaleef mijataa ta’uu ibsaniiru.


 

Godinni kun bishaan gubbaa fi lafa jalaan kan eebbifame ta’uu eeruun, pirojektiin misooma fuduraa kilaastaraan har’a ifatti eegaluu isaa ibsaniiru.

Kunis misooma fuduraalee bifa facaatii qabuun gaggeeffamaa ture gara kilaastaraatti babal’isuun gabaa biyya keessaa fi alaaf dhiyeessuuf tattaaffiin taasifamaa akka jiru kan agarsiisu ta’uu ibsaniiru.

Yeroo ammaa kana qonnaan bultoota biyya keessaa gurmaa’anii hubannoo uumuun danda’amuu misooma fuduraalee akka hubataniifi akka jalqaban tattaaffiin taasifamaa jiraachuu ibsaniiru.

#Ena Afaan Oromoo #ENA

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015