Itiyoophiyaan sirna nyaataa jijjiiramoota addunyaa waliin hin jijjiiramne ijaaraa jirti - Ministira Addisuu Araggaa - ENA Afaan Oromoo
Itiyoophiyaan sirna nyaataa jijjiiramoota addunyaa waliin hin jijjiiramne ijaaraa jirti - Ministira Addisuu Araggaa
Eebila 09/2018 (ENA): Itiyoophiyaan qabeenya uumamaa qabdu sirriitti beekuufi misoomsuuun jijjiiramoota addunyaa irra gahuu danda’an dandamachuu kan danda’u sirna nyaataa ijaaraa akka jirtu Ministirri Ministeera Qonnaa obbo Addisuu Araggaa ibsan.
Mootummaan waggoota muraasa darban keessatti imaammata dinagdee damee hedduu hojiirra oolcheen damee qonnaatiif xiyyeeffannoo addaa waan kenneef, dameen kun guddina oomishaa fi ce’umsa gaarii galmeessisaa jira.
Keessattuu, hojiileen Qamadii bonee fi misooma jallisii irratti bal’inaan raawwataman Itiyoophiyaan biyya oomisha qamadii Afriikaa keessatti sadarkaa duraa qabdu akka taatu kan ishee dandeessise yoo ta’u, kunis ofiin of danda’uuf tattaaffii taasifamu saffisiiseera.
Milkaa'inni kun biyyattiin waltajjii Dhaabbilee idil Addunyaatti qabdu jijjiiruufi humna dinagdeeshee fi dandeettii oomisha qonnaashee qabatamaan kan agarsiise ta'eera jedhani.
Ministirri Ministeera Qonnaa obbo Addisuu Araggaa ENAtti akka himanitti, birmadummaa nyaataa biyyaa guutummaatti mirkaneessuuf guddina oomishaafi oomishtummaa mirkaneessuun bu'uura dha jedhani.
Itiyoophiyaan kanaan dura Qamadii biyya alaatii bituuf baasii guddaa baasaa turte hambisuu ishee ibsaniiru.
Mootummaan damee qonnaa ammayyeessuufi omisha guddisuuf hojiin hojjetameen, qamadii biyya alaatii bitaa ture guutummaatti omisha biyya keessaan bakka buusuun danda’amuusaa ibsaniiru.
Milkaa'inni seena qabeessi kun jijjiirama dinagdee biyyattii qofa osoo hin taane, ofiin of danda'uuf kan karoorfameef tarkaanfii guddaa ta'uusaa hubachiisaniiru.
Itiyoophiyaan birmadummaa nyaataa mirkaneessuuf qorannoon, dhiyeessii galtee Qonnaa fi eegumsa qabeenya uumamaa irratti hojiilee bal'aa hojjechaa jirti jedhani.
Keessattuu, dhiyeessii xaa'oo bu’uuraan furuuf ijaarsi warshaalee jalqabame yeroo xumuramee hojiitti galu, jijjiirama dinagdeefi oomishtummaa guddaa akka fidu ibsaniiru.
Sanyiiwwan filatamoo Oomishtummaan Olaanaa fi dhukkuba dandamatu qorannoo keenyaan akka bahuuf sirni qorannoo qonnaa cimee itti fufuusaa ibsaniiru.
Itiyoophiyaan qabeenya lafaa, bishaanii fi humna namaa qabdu qindeessuun, damee qonnaatiif humnaa fi teeknoolojii barbaachisu guutuuf carraaqqii gochaa jirtu sadarkaa gaariirra jiraachuu ibsaniiru.
Birmadummaa nyaataa kan mirkaneeffatte biyya jabaa dhaloota dhufuuf dhaalchisuuf tattaaffii taasifamu keessatti qonnaan bultoonniifi horsiisee bultoonni gumaacha olaanaa gumaachaa jiru jedhaniiru.