Naannichatti dhaloota qaamaa fi sammuun gahoome horachuuf hojiin hojjetamaa jira - ENA Afaan Oromoo
Naannichatti dhaloota qaamaa fi sammuun gahoome horachuuf hojiin hojjetamaa jira
Eebila 9/2018 (ENA) : Naannoo Hararii keessatti dhaloota qaamaa fi sammuun gahoome horachuuf hojiin hojjetamaa jira jedhan Bulchaan Naannichaa obbo Ordiin Badirii.
Dorgommiin Liigii Manneen Barnootaa naannoo Hararii fi Ispoortii Barsiisotaa 2ffaa Biiroo Barnootaa Naannoo Hararii mata duree "Dhaloota qaamaa fi sammuun gahoome badhaadhina biyyaaf" jedhuun eegalameera.
Akka Bulchaan naannichaa obbo Ordiin Badirii sirna baniinsa dorgommii kanaa irratti argamaniii dubbatanitti, barattoonni har'aa egeree Itiyoophiyaa kan bakka bu’u isin jedhani.
Dhaloonni qaamaaf sammuun gahoome badhaadhina biyyaaf shoora inni qabu olaanaa waan ta’eef dhaloonni ammaa kuni dubbisuu,qorachuufi biyyaa fi maatii isaaf gaachana ta’uu qaba jedhaniiru.
Barattoonni miidiyaa hawaasaatiin hoogganamuu osoo hin taane, naamusaan qajeelaa ta’anii miidiyaa hawaasaa hoogganuu akka qabanis dubbataniiru.
Ispoortiin hiriyummaa, tokkummaa fi nagaaf iddoo guddaa waan qabuuf dorgommii kana irratti ciminaan dorgomanii haala ispoortii fakkaatuun ga’umsa agarsiisuu qabu jedhan.
Hogganaan Biiroo Barnootaa Naannichaa obbo Geetuu Nagawoo gama isaaniin akka himanitti, har’a Eebila 9, 2018 irraa eegalee torban afuriif kan turu dorgommii kanarratti manneen barnootaa dhuunfaa fi mootummaa naannichaa hundi ni hirmaatu jedhani.
Dorgommiin kun dhaloota fayyaa fi sochiin gahoome manneen barnootaa keessatti uumuuf kutannoo qabnu kan argisiisnudha jedhani.
Walitti dhufeenya barattootaa fi barsiisotaa cimsuu fi atileetota naannoo oomishuuf kaayyeffatee kan qophaa’e ta’uus himaniiru.
Sagantaa jalqabsiisa dorgommii kanaa irratti hoggantoonni olaanoo naannichaa, barattoonni manneen barnootaa mootummaa fi dhuunfaa naannichaa, barsiisotaa fi ogeeyyiin ispoortii hirmaataniiru.
Dorgommiin kun har'a magaalattii Istaadiyeemii Imaam Ahmaditti eegale.
Fiigicha meetira 100 barsiisotaa irratti manni barumsaa sadarkaa 2ffaa Abaadir injifateera.