Tamsaasa Kallatti:

Naannoo Oromiyaatti kenna tajaajilaa foyyeesuuf hojii hojjetameen bu’aan qabatamaan argamaa jira

Eebila 09/2018 (ENA): Naanoo Oromiyaatti kenninsa tajaajilaa fooyyessuuf hojii hojjetameen bu’aa qabatamaan argamaa jiraachuu Itti Aanaan Pirezidaantii Naannichaa Obbo Awwaluu Abdii ibsan.

Itti Aanaan Pirezidaantichaa raawwii karoora ji’oota saglanii ilaalchisuun ibsa kennaniiru.

Ibsa kennaniin bara baajitichaa baatiiwwan saglan darbanitti dameelee hedduun hojiileen misoomaa bu’aa qabeessa ta’an raawwatamuusaanii ibsaniiru.

Keessattuu, tajaajila kenniinsaa fooyyessuuf hojiileen hojjataman rakkoolee bulchiinsa gaarii hir’isuun bu’aa qabatamaa argamsiisaa akka jiru ibsaniiru.

Rakkoolee bulchiinsa gaarii furuuf magaaloota shan keessatti sadarkaa qorannootti kan jalqabame kenniinsi tajaajila giddugala tokkoo (Masoob) milkaa’ina argamsiisuu isaa hordofee, muuxannoo kana babal’isuuf hojiin hojjatamaa akka jiru ibsaniiru.

Akka Itti Aanaan Pirezidaantichaa ibsanitti, sadarkaa lammaffaatti kenniinsa tajaajila giddugala tokkoo kana magaaloota 26tti babal’isuun kan danda’ame yoo ta’u, isaan keessaa muraasni tajaajila kennuu jalqabaniiru.

Sadarkaa sadaffaattis Magaaloota 60 keessatti jalqabuuf sochiin eegalamuu eeraniiru.

Obbo Awwaluun, lammiileen kenniinsa tajaajila giddugala tokkoo 'Masob' argatan dhibbantaa 97 ol itti quufinsa qabaachuusaanii ibsanii, hojiin fakkeenya ta’u kun babal’atee ummanni tajaajila barbaadu akka argatuuf kutannoon hojjatamaa akka jiru ibsaniiru.

Hojiin kun milkaa’ina akka argatuuf teeknoolojii, humna namaa, iddoo hojii fi haala hojiif mijaatu uumuun hojiileen bal’aan raawwatamaa jiru jedhaniiru.

Hoggansi gara ummataatti dhihaatee akka tajaajiluuf, guyyoota tajaajilaa adda baasuu qofa osoo hin taane, aanaalee fi gandaatti riifoormii gaggeeffameen hawaasni tajaajila barbaadu akka dhiheenyaatti argatuuf mijeessuun danda’ameera.

Tajaajila kenniinsa saffisaafi bu’a qabeessa taasisuuf, hojjettoota rakkoo bulchiinsa gaarii uuman irratti tarkaanfiileen sirreeffamaa gara garaa fudhatamuu isaa himaniiru.

Gama biraatiin, Naannichatti Ji’oota Saglanii darban keessatti qarshii biliyoona 237 ol galiin walitti qabamuu ibsuun, fuuldurattis galii naannichaa guddisuuf kaffaltoota gibiraaf hubannoo uumuu fi maddoota galii qorachuun cimee itti fufa jedhaniiru.

Haaluma wal-fakkaatuun, naannichatti bara baajataa kana keessatti piroojektoota misoomaa garagaraa kuma 28 fi 800 ol ijaaramaa akka jiran kan ibsan yoo ta’u, piroojektoota kana keessaa kuma 21 ol kan ta’an yeroo dhiyootti tajaajila ummataaf banaa akka ta’an ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015