Waliin gahinsa tajaajila ibsaa manneen waliin jireenyaa guddisuuf xiyyeeffannoon kennameera - ENA Afaan Oromoo
Waliin gahinsa tajaajila ibsaa manneen waliin jireenyaa guddisuuf xiyyeeffannoon kennameera
Eebila 9/2018 (ENA) : Tajaajilli humna ibsaa Itiyoophiyaa qaqqabummaa tajaajila ibsaa manneen waliin jireenyaa guddisuuf ciminaan hojjechaa jiraachuu beeksise.
Odeeffannoon tajaajilichi ENA’f erge akka mul’isutti hojiin ibsaa dhuunfaatti akka fayadamaniif jiraattota saayitiiwwan adda addaa manneen waliin jireenyaa(Kondominiyeemii) Koyyee Facceetti kennuu itti fufee jira.
Jiraattonni Pirojektii Kondominiyeemii Koyyee Faccee 11 fi 17 keessa jiraatan kuma 12 ol ta’an tokkoon tokkoon bilookii keessatti abbaa feezii sadii kan fayyadamaa turan ta’uu eeruun, kanarraa kan ka’e hanqina humna ibsaa fi addaan cituun rakkachaa turaniiru.
Haa ta'u malee yeroo ammaa lakkooftuun dhuunfaan isaaniif galuun humna gahaa argachuu danda'aniiru.
Akkasumas sararoonni voolteejii gadi aanaa kiiloo meetira 17.3, sarara lafa jalaa voolteejii giddu galeessaa kiiloo meetira 8.4, sarara olka’aa voolteejii giddu galeessaa kiiloo meetira 4.1 diriiruun jiraattotaaf ibsaa akka kennan himeera.
Jiraattotaaf tiraansifoormariin 53 kan dhaabaman yoo ta’u,lakkooftuun kuma 12 fi 100 jiraattotaaf galchamuu ibseera.
Kaffaltiin karaa Manneen Jireenyaa Finfinneen raawwatamee akkuma xumurameen hojiin ibsaa jiraattota saayitiiwwan adda addaa Kondominiyeemii Koyyee Facceetti argaman cimee akka itti fufu eereera.
Tajaajilli kun manneen jireenyaa waliinii keessatti humna ibsaa waliin gahuu guddisuuf xiyyeeffannoo dursa kennuun hojjechaa akka jirus beekseera.