Tamsaasa Kallatti:

Bulchiinsa Dirree Dhawaa keessatti industiriiwwan omishaa, oomisha bakka bu’aa fi al-ergii oomishuuf gahumsi isaanii guddateera

Eebila 9/2018 (ENA) : Xiyyeeffannaan yeroo jijjiirama biyyaalessaa industirii maanufaakchariingiif kenname gahumsa industiriiwwan oomishaa, oomisha bakka bu’aa fi al-ergii oomishuuf qaban akka dabalu taasiseera jedhani itti aanaa kantiibaa fi itti gaafatamaan Biiroo industirii fi Invastimantii Bulchiinsa Dirree Dhawaa obbo Harbii Buhi.


 

Jijjiirama biyyaalessaa hordofuun dandeettiin oomishaa industirii manufaakchariingii xiyyeeffannoo fi deeggarsa damee industiriif kennamaa jiruun dabalaa dhufeera jedhan.

Keessattuu Dirree Dhawaa kan wiirtuu industirii jedhamuun beekamtu keessatti industiriiwwan yeroo dheeraaf dhaabbataa turan hedduun bara jijjiirama biyyaalessaa Itiyoophiyaa keessatti gara oomishaatti seenaniiru jedhani.

Akka obbo Harbii Buhi ENAtti himanitti, industiriiwwan omishaa, oomishaalee bakka bu’aafi al-ergii baay’inaan oomishanii, maallaqa biyya alaa hambisaafi argachaa jiru jedhani.

Deeggarsiifi hordoffiin qindaahe Sochii Omishtummaa Itiyoophiyaatiin taasifamaa jiru rakkoolee damee omishaa keessatti mul’atan furuuf, dandeettii omisha isaanii guddisuun guddina itti fufiinsa qabu galmaan ga’uuf gargaareera jedhan.


 

Sochiin kun faayinaansii, dhiyeessii lafaa, bu’uuraalee misoomaafi kenniinsa tajaajila industirii maanufaakchariingii irratti kan xiyyeeffate ta’uu yaadachiisuun, kunis dhimmoota damichaa keessatti kuufaman furuuf gargaareera jedhani.

Fakkeenyaaf, Sochii Oomishtummaa Itiyoophiyaa dura dandeettiin oomishaa industiriiwwan omishaa mootummaa dhibbeentaa 42 akka ture yaadachiisuun, har’a gara dhibbeentaa 62.6tti ol guddachuun kun cimee itti fufeera.

Akkasumas sochii kanaan dura industiriiwwan maanufaakchariingii 6 qofti gabaa alaaf oomishaa kan turan yoo ta’u, amma garuu gara 13tti ol guddachuun sharafa alaa argachaa akka jiran ibsaniiru.

Kanneeniin alattis industiriiwwan kunneen oomishaalee biyya alaatii galfaman gosa 69 oomishuun sharafa alaa qusachuu qofa osoo hin taane, carraa hojii kanaan dura uuman dachaa lama dabaluudhaan lammiilee kuma 24 ol ta’aniif carraa hojii uumuun isaanii ni yaadatama.

Misooma koridaraa kana hordofuun lakkoofsi invastaroota damee omishaa irratti bobba’an haalaan dabalaa akka jirus hubachiisaniiru. Kunis magaalattiin magaalaa hojii fi mana jireenyaa ammayyaa taasiseera.


 

Waajjirichatti Hogganaan Garee Guddinaafi Hordoffii Invastimantii obbo Abarraa Mangistuu gama isaaniitiin akka himanitti, Ji’oota sagal darban keessatti invastaroota 354 kaappitaala Birrii biiliyoona 59 fi miiliyoona 119 ol galmeessuun hojii eegalaniiru jedhani.

Invastaroota biyya keessaafi alaa damee industirii maanufaakchariingii, tajaajila, konistiraakshiniifi qonnaa irratti bobba’aniif hojii saffisaan akka eegalaniif deeggarsaa fi to’annoo barbaachisaa taasifamaa jiraachuu ibsaniiru.

Invastaroonni kunneen gara omishaatti yommuu ce’an namoota kuma 11’f carraa hojii dhaabbataa, namoota kuma 7’f immoo hojii yeroof ni uuma jedhaniiru.

#Ena Afaan Oromoo #ENA

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015