Magaala Shaggaritti ijaarsi Piroojektiiwwanii fi manufakchariingi industirii cimanii itti fufaniiru. - ENA Afaan Oromoo
Magaala Shaggaritti ijaarsi Piroojektiiwwanii fi manufakchariingi industirii cimanii itti fufaniiru.
Eebila 8/2018 (ENA) : Magaala Shaggaritti ijaarsi Piroojektiiwwanii fi manufakchariingi industirii cimanii itti kan itti fufan ta’uu ibsame.
Magaala Shaggaritti qopheessummaa wajjiraa inveestimentti fi industirii magaalaa Shaggariin daawannaan hojii investimenti geggefamera.
Sagantaa kanaanis ijaarsi piroojeektiiwwan investimentiifi Industirii manufaakcheriingii garagaraa Kutaalee Magaalaa Galaaniifi Eekkaa Xaafootti daawwatamaniiru.
Magaalaan Shaggaritti carraawwaniifi humna Investimentii fayyadamuun Magaalaa guddu-gala dinagdee taasisuuf hojjetamaa kan jiru yoo ta'uu kan eeran itti aanaa invastimentii fi industirii magaalaa Shaggar obbo Nabiyyuu Raagaa, kunis guddina dinagdee Magaalichaa utubuun tarkaanfiiwwan imala Badhaadhina dhugoomsuu keessatti gahee olaanaa bahachaa jiraachuu ibsani.
Daawwannaa kanaanis Piroojeektii Investimentii “Winfield trading" kaappitaala birrii miliyoona 300 oliin hojjetamaa jiruufi dhaabbatni "Brighten Motors" suphaafi gurgurtaa Konkolaattotaa irratti hojii eegale kutaa Magaalaa Galaanitti daawwatamaniiru.
Kana malees dhaabbatni “Hilina enriched foods” oomisha nyaata daa'immanii irratti bobba'uun hojjechaa jiruufi dhaabbatni “Qualables” kutaa Magaalaa Eekkaa Xaafootti daawwatameera.
Piroojeektiiwwan Investimentii kunneen hojiiwwan suphaafi gurgurtaa konkolaattota ammayyaa irratti kan hojjetan yoo ta'u, kunis hanqina dhiyeessii furuun cinatti carraawwan hojii uumuun guddina dinagdee biyyaafi Magaalichaa saffisiisuu keessatti gahee olaanaa kan qabani ta’uu himaniiru.