Baankiin Addunyaa fi Xaaliyaan Itiyoophiyaaf Deeggarsa Riifoormii Diinagdee isaanii akka cimsan ibsani - ENA Afaan Oromoo
Baankiin Addunyaa fi Xaaliyaan Itiyoophiyaaf Deeggarsa Riifoormii Diinagdee isaanii akka cimsan ibsani
Eebila 8/2018 (ENA): Baankiin Addunyaa fi Xaaliyaan haaromsa diinagdee biyya keessaa Itiyoophiyaaf deeggarsa qaban cimsanii akka itti fufan beeksisan.
Jilli Itiyoophiyaa Ministira Maallaqaa Ahimad Shideen durfamu baankii addunyaa fi jila Xaaliyaanii waliin marii sadarkaa olaanaa gaggeessee walta’iinsa gama sadeen daran cimsuuf marii’ateera.
Xiyyeeffannaan marii kanaa inni guddaan sagantaa riifoormii diinagdee Itiyoophiyaan gaggeessaa jiru deeggaruuf tumsa paartilee sadeen cimsuu irratti kan xiyyeeffatedha.
Deeggarsa maallaqaa si’ataa fi amanamaa ta’ee fi aantummaa misoomaa biyyattii waliin walsimuu danda’u irrattis mari’ataniiru.
Jilli Itiyoophiyaa bu’aa diinagdee Gooroo tibbana galmeessisuun, tattaaffii haaromsaa mootummaan eegale itti fufsiisuu, naamusa faayinaansii daran cimsuu, guddina dinagdee hunda hammate mirkaneessuuf kutannoo qabaachuu isaa irra deebi’ee mirkaneesseera.
Marii kanaan deeggarsi qindoomina qabu michoota misoomaa irraa argamu barbaachisaa ta’uu ibsameera.
Kunis deeggarsi kennamu bu’aa barbaadamu akka argamsiisuu fi qabeenya bu’a qabeessa ta’een akka itti fayyadaman mirkaneessuuf kan agarsiifamedha.
Riifoormii diinagdee biyya keessaa deeggaruun alattis, bu’uuraalee deeggarsa qindoomina qaban kanneen Itiyoophiyaan haala dinagdee addunyaa jijjiiramaa fi walxaxaa ta’e keessa akka darbitu dandeessisan irratti mariin gaggeeffameera.
Jilli Xaaliyaanii gama isaatiin, tattaaffii misoomaa Itiyoophiyaa waliin tumsa qabaachuu isaa irra deebi’ee kan mirkaneesse yoo ta’u, keessumaa tumsa biyyoota lamaanii fi bu’uura faayinaansii idil-addunyaa waliin walsimuun deeggarsa isaa akka cimsu ibseera.
Haaluma walfakkaatuun, Baankiin Addunyaa sagantaa riifoormii diinagdee Itiyoophiyaaf deeggarsa itti fufiinsa qabu ibsuun, tumsa faayinaansii bu’a qabeessa ta’e guddisuuf michoota waliin walitti dhiyeenyaan hojjechuuf qophii ta’uu beeksiseera.
Qormaata dinagdee yeroo ammaa fi hanqina maallaqaa itti fufiinsaan furuuf tumsa cimaa fi tattaaffii waloo gochuun barbaachisaa ta’uus dubbataniiru.
Kana malees, bu’aa misoomaa qabatamaa ta’e galmaan ga’uuf qindoomina imaammataa itti fufiinsa qabu, qunnamtiin qindoomina qabuu fi itti gaafatamummaa waliinii qabaachuun barbaachisaa ta’uu marii kanaan ibsameera.
Marii kanaan tumsa qaamolee sadan gidduu jiru daran cimsuu fi bu’uura tumsaa qindoomina qabu qopheessuuf tattaaffii taasifamu haala mijeessuu irrattis waliigalameera.
Ministeerri Maallaqaa ibsa ENA’f ergeen, Itiyoophiyaan cimina dinagdee fi guddina yeroo dheeraa mirkaneessuuf riifoormii caasaa ijoo hojiirra oolchuuf kutannoo qabdu irra deebi’ee ibseera.