Hojiin misoomaa godina Arsii keessatti hojjetamaa jiru cimee itti fufa - ENA Afaan Oromoo
Hojiin misoomaa godina Arsii keessatti hojjetamaa jiru cimee itti fufa
Eebila 8 /2018 (ENA): Hojiin misoomaa Naannoo Oromiyaa godina Arsii keessatti hojjetamaa jiru cimee itti fufa jedhan pireesidaantiin naannichaa obbo Shimallis Abdiisaa.
Pirojektiin Humna Qilleensaa Asallaa bakka Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad argamanitti eebbifamee tajaajilaaf banameera.
Pireesidaantiin naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa eebbifamuu piroojektichaa sababeeffachuun ergaa dabarsaniin, Mootummaan jijjiiramaa hojiiwwan misoomaa bu’a qabeessa ta’anii fi jireenya ummataa bu’uuraan fooyyessanii hojjechaa tureera jedhani.
Mootummaan naannichaa misooma bu’uuraalee misoomaa naannichaa saffisiisu irratti xiyyeeffatee hojjechaa turuus ibsaniiru.
Keessattuu, dhaqqabummaa fi uwwisa daandii guddisuuf ijaarsa daandii amma jiru xumuruu bira darbee daandiiwwan haaraan hojjetamuu ibsaniiru.
Damee fayyaatiin hospitaalonni hedduun ijaaramanii hojiitti galuu isaaniis ibsuun, hojiin ijaarsa bishaan dhugaatii qulqulluu fi misooma bu’uuraalee jallisii hojjetamuu eeraniiru.
Hojiileen ummanni jireenya isaa akka jijjiiru dandeessisan kunneen cimee akka itti fufan ibsuun, milkaa’ina kanaaf hoggantoonni hundi kutannoodhaan hojjechuu akka qaban dubbataniiru.
Buufanni anniisaa humna qilleensaa har’a eebbifames misooma naannichaa saffisiisuuf carraa guddaa kan uumu ta’uus ibsaniiru.
Ummanni Godinichaa carraa gaarii argateen hiyyummaa fi duubatti hafummaa dhabamsiisuu akka qabus dubbataniiru.
Ummanni qabeenya argate qusachuun gara damee invastimantiitti ce’uun itti fufiinsaan of jijjiiruu akka qabus dubbataniiru.
#Ena Afaan Oromoo #ENA