Dhugaawwan Anniisaa Humna Qilleensaa Asallaa: - ENA Afaan Oromoo
Dhugaawwan Anniisaa Humna Qilleensaa Asallaa:
👉 Kan eebbifame : Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimadiin har’a Eebila 8/2018
👉 Bakka argama piroojaktichaa : Naannoo Oromiyaa Godina Arsii aanaa Heexoosaa
👉 Fageenya Finfinneerraa: 150 km
👉 Ijaarsi isaa kan eegalame: Mudde 2014
👉 Kontiraaktara: Kubbaaniyaa Simansi Gaamesaa kan jedhamu kan Ispeenii fi Deenmaarki waliin ta’uun
👉Dhaabbata Gorsaa : Kubbaaniyaa Daar Al Handasaa Sheer fi kubbaaniyaa Biyyoota Araba Gamtoomanii Paartinar kan jedhamu damee injiinariingii dhaabbatichaa waliin ta’uun
👉 Baasii ijaarsaa fi madda faayinaansii: Ijaarsi waliigalaa Piroojektichaa yuuroo miliyoona 145 yoo ta’u, maddi maallaqichaa motummaa Deenmaarkiin kan uwwifamedha
👉 Saffisa qilleensa naannichaa giddugaleessaan: Sekondiitti Meetira 8.2
👉 Dandeettii Humna maddisiisuu: Meeggaa Waattii 100
👉 Waggaatti hamma anniisaa oomishu: Sa’aatiitti Meeggaa Waattii 354
👉 Baay’ina Tarbaayinii: 29
👉 Dandeettii anniisaa maddisiisuu Tarbaayinii tokkoon tokkoo: Meeggaa Waattii 3.465
👉 Dheerina utubaa ykn Baattoo tarbaayinii: Meetira 84
👉 Koochoo diyaameetira tarbaayinii : Meetira 132
👉 Dheerina koochoo tarbaayinii tokkoo : Meetira 66
👉 Buufata Anniisaa humna elektiriikaa walfakkaatan hanga ammaatti ijaaraman irraa wanti adda isa godhu: dandeettii anniisaa maddisiisuu tarbaayinootaa, dheerina ulubaawwan isaafi olaanaa ta’uudha.
#Ena Afaan Oromoo #ENA