Tamsaasa Kallatti:

Naannoo Oromiyaatti magaalota jiraattotaaf mijatoo taasisuu bira darbee wiirtuuleen tajaajila sirrii ta’e kennan babal’achaa jiru

Eebila 8/2018 (ENA) : Naannoo Oromiyaatti magaalota jiraattotaaf mijatoo taasisuu bira darbee wiirtuuleen tajaajila sirrii ta’e kennan babal’achaa jiru jedhan qindeessaan kilaastara misooma magaalaa naannichaa fi sadarkaa Itti Aanaa pireesidaantiitti obbo Masfin Malaakuu.

Ibsa qindeessaan kun kennaniin, mootummaan naannichaa magaalonni jiraattotaaf mijatoo akka ta’an, tajaajiloota haaromsuufi wiirtuu kalaqaa akka ta’aniif ciminaan hojjechaa akka jiru ibsaniiru.

Magaalonni wiirtuu daldalaa qofa osoo hin taane wiirtuu oomishaa taasisuu keessatti pirojektoonni misoomaa bu’a qabeessa ta’an hojjetamaa akka jiran himaniiru.

Ji’oota sagal darban keessatti hojiin ummata irratti xiyyeeffate jireenya ummataa naannichaa keessattuu magaalota keessatti fooyyessanii itti fufuusaa fi sheedii hojii fi gurgurtaa ijaaramuun lammiilee hedduudhaaf carraa hojii uumuun akka ta’e hubachiisaniiru.

Magaalota naannichaa keessatti hanga bara baajataa kurmaana sadaffaatti pirojektoonni eeyyamni invastimantii kuma 11 fi 742 ol raggaasifamuu ibsaniiru.

Kunis namoota kuma 700’f carraa hojii kan uume ta’uu eeruun, jijjiirama kanaan dura lakkoofsi invastimantii kuma 10 ture amma kuma 40 ol akka ga’e himaniiru.

Gama kenniinsa liqiitiin Birriin biiliyoona 28 ol kan kenname yoo ta’u, leenjii abbootii qabeenyaa yeroo gabaabaa fi dheeraatiin hojii uumtonni kuma 1 fi 800 ol uumamuu isaanii ibsaniiru.

Hanga ammaatti magaalota adda addaa keessatti wiirtuuwwan tajaajila giddugala iddoo tokkoo 17 ijaaramuufi hojiiwwan misooma koridaraa cimee hojjetamuu ibsaniiru.

Akkasumas magaalota naannichaa keessatti daandii asfaaltii kiiloo meetira 115, daandii biskileetii kiiloo meetira 90, daandii lafoo kiiloo meetira 817, buufata konkolaataa 90 fi dirree tapha daa’immanii 40 ijaaramuu eeraniiru.

#Ena Afaan Oromoo #ENA

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015