Tamsaasa Kallatti:

Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad piroojektii anniisaa meeggaa waattii 100 maddisiisu eebbisan

Eebila 8/2018(ENA) : Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad piroojektii anniisaa meeggaa waattii 100 maddisiisu naannoo Oromiyaa Godina Arsii keessatti argamu eebbisaniiru.

Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad ergaa karaa miidiyaa hawaasaa isaaniin dabarsaniin, akka himanitti piroojektiin kuni abdii ifa egereedha jedhani.


 

Humna qilleensaatiin dukkana dhabamsiisuuf Warshaan Humna Qilleensaa Asallaa qorannoo bal’aa fi karoora addaatiin har’a dhugaa ta’eera jedhani.

Pirojektiin kun anniisaa qulqulluu meeggaa waattii 100 dabaluudhaan gara egeree anniisaa adda addaa fi itti fufiinsa qabuutti imala keenya ni cimsa jedhani.

Kunis dhiyeessii anniisaa amanamaa ta’e mirkaneessuu fi Itiyoophiyaa badhaate ijaaruuf kutannoo qabnuuf ragaadha jechuun dubbataniiru.

‎Pirojektii anniisaa guddaa ta’e naannoo Oromiyaa godina Arsii keessatti argamuu keenyatti ni boonna; bu’aan argame pirojektoota walfakkaatan akka babal’isnu nu kakaasa jedhaniiru.


 

Itiyoophiyaan imalli guddinaa damee hundaan cimee fi guddachuu itti fufee jira kan jedhan ministirri muummee, yeroon yeroo kamiyyuu caalaa itti guddannu fagoo miti jedhaniiru.

#Ena Afaan Oromoo #ENA

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015