Damee qonnaa ammayyeessuun wabii nyaataa mirkaneessuu bu’aan dandessisu argameera - ENA Afaan Oromoo
Damee qonnaa ammayyeessuun wabii nyaataa mirkaneessuu bu’aan dandessisu argameera
Eebila 8/2018 (ENA) : Damee qonnaa ammayyeessuun wabii nyaataa mirkaneessuu bu’aan dandessisu argameera jedhan De’eetaan Ministeera Qonnaa Dr. Fiqiruu Raggaasaa.
Akka Dr. Fiqiruu Raggaasaa ibsanitti, kanaan dura qabeenyi uumamaa Itiyoophiyaa haphaachaa adeemuu akkasumas haala jijjiirama qabeenya qilleensaa waliin walqabatee hawaasni rakkoof saaxilamoo ta’aa turuu himaniiru.
Mootummaan seenaa kana jijjiiruuf ciminaan hojjetee, hojii qonna gara garaa taasisuu fi hirkattummaa rooba jalaa bahuu hir’isuuf hojjetameen bu’aa galmeessisuu eeraniiru.
Milkaa’ina mootummaa haaromsaa keessaa tokko misooma qamadii Bonaa ta’uu eeruun, qamadii jaarraa hedduuf baasii miliyoonaan gara biyyaa galfamee biyyattii keessatti oomishamee of danda’uun akka ta’e dubbataniiru.
Hojiiwwan bu’a qabeessa ta’an sagantaa Ashaaraa Magariisaa jalatti qabeenyi uumamaa akka hin dhabamnee fi hongeen haala itti fufiinsa qabuun akka hin uumamneef hojjetamaa turan kaasuun isaanii ni yaadatama.
Midhaanii fi biqiltoonni qabeenya uumamaa deebisuuf gargaaraniifi nyaataaf oolan dhaabamuu ibsaniiru. kunis firiiwwan kanaan dura naannoo murtaa’e qofatti biqilan bakka hundatti akka biqilan taasiseera jedhani.
Akkasumas, Inishiyeetiiviin Maaddii Guutuu beeyladoota misoomsuun oomishaa fi oomishtummaa lukkuu, damma, aannaniifi qurxummii haalaan guddisuu danda’eera jedhan.
Bishaan jiru qusachuun oomishaa fi oomishtummaa guddisuun akka danda’amu dhaamaniiru.
Yeroo ammaatti qonnaan bultoonni hedduun gargaaramuurraa gara oomishtummaatti ce’uu akka danda’an himaniiru.
Hojjechuun hirkattummaa jalaa bahuun akka danda’amu agarsiiftuu guddaa ta’uu dhaamuun, gara fuula duraattis hawaasni hojii irrati bobba’e irratti milkaa’uuf kutannoon hojjechuu akka qabu dhaamaniiru.