Tamsaasa Kallatti:

Magaalaa Shaggaritti imalli miidiyaa sosochii guddina invastimantii magaalaa Shaggar irratti xiyyeeffate gaggeeffamaa jira

Eebila 8/2018(ENA) : Magaalaa Shaggaritti imalli miidiyaa sosochii guddina invastimantii magaalaa Shaggar irratti xiyyeeffate gaggeeffamaa jira.


 

Kenniinsi Tajaajila Giddugala Iddoo Tokkoo (Masoob) kenna tajaajilaa ammayyeessuun babal'ina Investimentiif haala mijataa uumuu keessatti gahee olaanaa qabaachuu ibsameera.

Sagantaa kanaanis hojiiwwan kenna tajaajilaa ammayyeessuuf hojjetaman keessaa Wiirtuun Tajaajila iddoo tokkoo daawwatameera.


 

Wiirtichi tajaajiloota 159 foddaawwan 12 jalatti gurmeessuun tekinooloojii deeggaramuun hojii hojjetameen bu'aawwan itti quufinsa lammiilee guddisan argamaniiru.

Itti Aanaa kantiibaafi qindeessaa kilaastera dinagdee Magaalaa Shaggar obbo Guyyoo Galgaloo fi hoggantoonni hojii mootummaa biroo kenniinsa tajaajila giddugala iddoo tokkoo (masoob) magaalaa Shaggarii daawwataniiru.

#Ena Afaan Oromoo #ENA

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015