Godina Baaleetti midhaan Arfaasaa bara kanaa lafti heektaara kuma 246 ol sanyii facaafameera - ENA Afaan Oromoo
Godina Baaleetti midhaan Arfaasaa bara kanaa lafti heektaara kuma 246 ol sanyii facaafameera
Eebila 8/2018 (ENA) : Naannoo Oromiyaa godina Baaleetti Arfaasaa baranaa midhaan gabaa irratti xiyyeeffate dabalatee midhaan gosoota adda addaa lafa heektaara kuma 246 ol irratti facaasuu isaa Waajjirri Qonnaa Godinichaa beeksiseera.
Itti aanaan itti gaafatamaa waajjirichaa obbo Mu’aawiyaa Fu’aad ENAtti akka himanitti, naannoowwan qonni midhaan Arfaasaa naannichatti bal’inaan itti oomishamu keessaa godinni Baalee tokko ta’uu ibsaniiru.
Godina kana keessatti midhaan Arfaasaa bara kanaa galmaan ga’uuf tattaaffii cimaa taasifameen lafti heektaara kuma 246 ol sanyii facaafamuu ibsaniiru.
Godinni kun midhaan nyaataa dabalatee midhaan hedduu oomishaa jiraachuu ibsuun, irra caalaan isaanii gabaa al-ergii fi galteewwan industiriitiif kan oolu ta’uu beeksisaniiru.
Keessattuu qonnaan bultoonni midhaan gabaa irratti xiyyeeffate misoomsuun yeroo gabaabaa keessatti wabii nyaataa mirkaneessuuf sadarkaa hundatti deeggarsi teeknikaa taasifamaa jiraachuu eeraniiru.
Kanumaan wal qabatee yeroo Arfaasaa kana qofa lafti misoome heektaara kuma 60 ol midhaan saalaxa, maashoo, boloqqee fi boqqolloo gabaa irratti xiyyeeffateen uwwifamuu isaa akka fakkeenyaatti kaasaniiru.
Teeknooloojiiwwan yeroo Arfaasaa omishaafi oomishtummaa guddisan hojiirra oolchuuf xiyyeeffannoon kennameera jedhan.
Lafa waliigalaa misoome keessaa dhibbantaa 80 ol yeroo oomishaatti guutummaa paakeejii keessatti kilaastaraan kan misoome ta’uu isaa ibsaniiru.
Itti dabaluunis, waqtii Arfaasaa bu’a qabeessa taasisuuf xaawoo biyyee kuntaala kuma 289 ol ta’u fayyadamaniiru jedhani.
Akka itti aanaa itti gaafatamaa kanaatti hojii misooma midhaanii Arfaasaa irraa oomisha kuntaala miiliyoona 8.3 walitti qabuuf karoorfameera.