Fayyadamummaa hawaasaa daran guddisuuf hojjetamaa jira - ENA Afaan Oromoo
Fayyadamummaa hawaasaa daran guddisuuf hojjetamaa jira
Eebila 8/2018(ENA): Magaalaan Shaggar fayyadamummaa hawaasaa daran guddisuuf hojjetamaa akka jiru Kantiibaa itti Aanaafi qindeessaa kilaastera dinagdee Magaalaa Shaggar obbo Guyyoo Galgaloo ibsani.
Hundeeffama Magaalichaan booda hojiiwwan gama Investimentiin hojjetameen bu'aawwan cehumsa dinagdee dhugoomsuun jiruufi jireenya hawaasaa jijjiiran argamuu ibsaniiru.
Magaalaan Shaggar hundeeffama irraa eegalee galmoota wabii nyaataa mirkaneessuu, tajaajila ammayyaa'aa diriirsuu, Ogummaa dagaagsuu, dhaweessummaa babal'isuu dhugoomsuun Badhaadhina hunda-galeessa mirkaneessuuf hojii hojjetameen bu'a-qabeessummaan Magaalichaa cimsuun kan danda'ame ta'uus ibsaniiru.
Keessumattuu rakkoowwaniifi al-seerummaa gama investimentiin turan bu'uura irraa furuuf kenna tajaajilaa ammayyeessuun cinatti carraawwan Investimentii Magaalichi qabu qorannoon adda baasuun hojjetamaa jiras jedhan.
Kana malees bu'a-qabeessummaa dinagdee qonnaan bultootaa cimsuuf leenjii dhaweessummaa qonnaan bultoota 1,321’f kan kennamee kanaanis cehumsa dinagdee dhugoomsuun kan danda'ame ta'uu ibsaniiru.
Haaluma kanaan bu'a-qabeessummaafi jijjiiramni guddina Investimentii Magaalaa Shaggar hundeeffama dura 3,603 irra ture gara 5,107 tti kan guddate yoo ta'u, Piroojeektiiwwan Investimentii Magaalichatti hojjetamanis yeroo gara yerootti jijjiirama agarsiisuun carraawwan hojiifi dinagdeen bal'inaan akka keessatti dagaagu taasiseera jedhaniiru.
Waggoottan sadan darbanitti abbootii qabeenyaa biyya keessaa, biyya alaa, qonnaan bultootaafi kanneen biroo dabalatee waliigala abbootiin qabeenyaa 1504 simatamuun lafa heektaara 4,493 irratti misoomsaniiru jedhani.
#Ena Afaan Oromoo #ENA