Tamsaasa Kallatti:

Hojiileen misoomaa damee hawaasummaa keessatti ji’oota sagal darban hojjetaman fayyadamummaa hawaasaa guddisu hojjetameera

Eebila 8/2018 (ENA): Hojiileen misoomaa damee hawaasummaatiin ji’oota sagal darban keessatti raawwataman fayyadamummaa hawaasaa guddisaniiru jedhan sadarkaa itti aanaa mootummaa naannoo Oromiyaatti qindeessaan kilaastara hawaasummaa naannichaa obbo Saadat Nashaa himaniiru.

Ibsa qindeessaan kun kennaniin, ji’oota sagal darban keessatti hojiiwwan misooma hawaasummaa hedduun fayyadamummaa hawaasaa mirkaneesse hojjetamaa turuu ibsaniiru.

Dameen hawaasummaas, dhaloota dorgomaa, fayyaa, fi dhaloota aadaa fi eenyummaa isaa kabaju uumuuf ciminaan hojjechaa turuu ibsaniiru.

Hojiileen qulqullina barnootaa gama hundaan mirkaneessuuf gargaaranis ji’oota sagal darban keessatti haala gaariin raawwatamuu ibsaniiru.

Keessattuu qulqullina barnootaa bu’uuraan jijjiiruuf manneen barnootaa mana barumsaa idilaan duraa kuma 20 fi 180 keessatti barnoota qulqullina qabu kennuuf tattaaffiin taasifameera.

Manneen barnootaa sadarkaa tokkoffaa fi sadarkaa 2ffaa keessattis hojiin ijaarsa daree fi fooyya’iinsaa hojjetamaa turuu hubachiisaniiru.

Sagantaan nyaata mana barumsaa barattootaaf kennamu cimee, dandeettii barsiisotaa guddisuuf qormaanni leenjii fi madaallii gaggeeffamaa akka jirus ibsaniiru.

Damee fayyaatiin ji’oota sagal darban keessatti buufatawwan fayyaa hedduun ijaaramanii tajaajila kennuu kan jalqaban yoo ta’u, manneen qorichaa hawaasaa 89 hojiitti galaniiru.

Kana malees, damee aadaa, haqaa fi ispoortii keessatti raawwiin fooyya’aan galmaa’uu isaa qindeessaan kun hubachiisaniiru; ji’oonni sagal yeroo manneen murtii aadaa itti ciman ta’uu ibseera.

Damee ispoortii daran kakaasuuf iddoowwan ispoortii gama adda addaatiin ijaaramuu fi sochii ispoortii hawaasaa babal’isuuf hojjetamaa turuu ibsaniiru.

#Ena Afaan Oromoo #ENA

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015