Tamsaasa Kallatti:

Yuunvarsiitichi hojiiwwan qorannoo Qonnarratti xiyyeefatee hojjetu Qonnaan bulaa fayyadamaa taasisaa jira

Eebila 07/2018 (ENA): Yunivarsiitiin Jimmaa Qorannoowwan Qonnaa irratti xiyyeeffatan gaggeessaa jiru Qonnaan Bultoota fayyadamoo taasisaa jiraachuu beeksise.

Yunivarsiitiin Jimmaa hojii Barnootaa fi leenjii cinaatti, qorannoowwan gosa adda addaa gaggeessaa kan jiru yoo ta’u, keessumaa Qorannoowwan Qonnaa irratti xiyyeeffatan kanneen eeramanidha.

Yunivarsiitichis qonnaan bultoota Godina Jimmaa fi naannolee biroo fayyadamoo taasisuuf xaa’oo uumamaa oomishuudhaan raabsaa jira.

Xaa’oon uumamaa kun ‘baayoochaar’ (Biochar) irratti hundaa’e kan oomishamu yoo ta’u, fayyummaa biyyee fooyyessuudhaan oomishtummaa dabaluu fi naannoo miidhaa keemikaalarraa eeguuf gumaacha guddaa qaba.

‘Baayoochaarii’ jechuun, hafaa oomisha qonnaa fi baala ho’a ol’aanaan gubuu irraa kan argamu gosa cilee yoo ta’u, kaayyoon isaa inni guddaan akka cileetti itti fayyadamuuf osoo hin taanee, gabbina biyyee eeguun tursiisuufi.

Kana malees, gabbina biyyee fooyyessuudhaan wabii nyaataa mirkaneessuu fi jijjiirama qilleensaa ittisuuf faayidaa guddaa akka qabu ragaaleen ni agarsiisu.

Itti Aanaan Diinii Kolleejjii Qonnaa fi Yaala Beelladootaa Yunivarsiitichaa, Dr. Fiqiramaariyaam Gadaa,Yunivarsiitichi hojiiwwan qorannoo Hawaasa fayyadamoo taasisuuf irratti xiyyeeffatee hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.

Hojiiwwan qonnaan bultoota fayyadamoo taasisan keessaa tokko xaa’oo baayoocharii irratti hundaa’e dhaqqabamaaa taasisuu akka ta’e himanii, hanga ammaatti qonnaan bultoonni 500 ol fayyadamoo ta’uusaanii dubbataniiru.

Xaa’oo uumamaa kana giddu galeessa qorannoo Arsiittii fi Baatuu waliin ta’uudhaan gara qonnaan bultootatti babal’isuuf hojjetamaa kan jiru yoo ta’u, kana malees Naannoo Sidaamaattis hojiirra oolchuuf karoorfatamee hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.

Yeroo ammaa Godina Jimmaa qofaatti qonnaan bultoonni 300 ol xaa'oo uumamaa kana fayyadamuurra darbee, leenjii fudhatanii ofiisaanii oomishaa jiraachuu eerameera.

Barsiisaa fi qorataa Kolleejjii Qonnaa fi Yaala Beeyladootaa Yunivarsiitii Jimmaa, Doktar Milkiiyaas Ahimad, 'baayoochaariin' xaa'icha qopheessuuf barbaachisu kun, hafaa oomisha qonnaa fi baala tajaajila biraa irra hin oolle irraa kan qophaa'u ta'uu ibsaniiru.

Qonnaan bulaan Godina Jimmaa, Aanaa Deedoo, obbo Biyyaa Haajii, xaa'oo bu'aa qorannoo kanaa fayyadamanii bu'a qabeessa ta'uu isaanii dubbataniiru.


 

Qonnaan Bulaan Aanaa sanaa kan biroo, obbo Raayyaa Abbaafiixaa, xaa'oo uumamaa qorattoonni dhiyeessan kana irratti shakkii akka qaban ibsanii, ta'us, bu'aa qabeessa ta'uusaa erga hubatanii booda, fayyadamuu qofa utuu hin taane gara hojii oomishuuttis seenuu isaanii himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015