Dhaabbileen Barnoota Olaanoo Riifoormii damee Haqaa Qorannoodhaan Deeggaruun gahee isaanii bahachaa jiru - ENA Afaan Oromoo
Dhaabbileen Barnoota Olaanoo Riifoormii damee Haqaa Qorannoodhaan Deeggaruun gahee isaanii bahachaa jiru
Eebila 07/2018 (ENA) : Dhaabbileen Barnoota Olaanoo Riifoormii damee haqaa biyyattii qorannoo fi beekumsaan deggaruuf gahee isaanii bahachaa akka jiran ibsan.
Inistiitiyuutiin Qorannoo fi Leenjii Haqaa fi Seeraa Federaalaa, sirna haqaa Ammayyeessuuf Manneen Barnoota seeraa kan dhaabbilee barnoota olaanoo wajjin ta’uun qindoominaan hojjechaa jira.
Diiniin Barnoota Seeraa Yuunivarsiitii Jimmaa obbo Firaa'ol Taaffasaa akka ibsanitti, Yuunivarsiiticha Manneen Barnoota Seeraatiif deeggarsa meeshaalee fi ogeessaa kennuudhaan, Barnoonni Seeraa Qorannoodhaan deeggaramee akka kennamu hojjechaa jira jedhani.
Hayyoonni Yuunivarsiitichaa riifoormii Sektara haqaa biyyattii qorannoo fi beekumsaan deeggaruuf carraaqqii godhamu keessatti bal’inaan hirmaachaa akka jiranis kaasaniiru.
Qulqullina Barnoota Seeraa fooyyessuuf Kitaabota Barumsaa fi Mojuulota qopheessuu, qophii qormaata bahumsaa fi dorgommii dhaddachaa mijeechuun waliin hojjetamaa akka jiru ibsaniiru.
Diiniin Mana Barnoota Seeraa Yuunivarsiitii Arbaamincii obbo Abrahaam Kinfee gamasaaniin, Kutaan Barnoota Seeraa kun barnoota kennuun bira darbee, tajaajila seeraa bilisaa fi qorannoo fi qo’annoo dhimmoota haqaa irratti inistiitiyuuticha wajjin hojjechaa akka jiru dubbataniiru.
Sirna haqaa bu’a qabeessa taasisuuf, damichatti lammiilee gahumsa qaban horachuuf tattaaffii taassifamuun cinaatti, ogeessota seeraatiif leenjii ijaarsa dandeettii kennaa akka jiru ibsaniiru.
Qorataan seeraa Inistiitiyuutichaa Dr. Zibaloo Hayilasillaasee gamasaaniin, Inistiitiyuutichi Manneen Barnoota Seeraa dandeettii barsiisuu fi qulqullina barnootaa isaanii mirkaneessuuf waliin hojjechaa akka jiru ibsaniiru.
Qorataan kun, sirna haqaa ammayyeessuuf humna namaa gahumsa qabu horachuun murteessaa akka ta’e kan eeran yoo ta’u, Inistiitiyuutichis kanaaf deeggarsa taasisaa akka jiru ibsaniiru.
Hojiiwwan qorannoo fi Qo’annoo Manneen Barnoota Seeraa keessatti hojjetaman hojiirra akka oolan walta’iinsaan hojjetamaa akka jiru himaniiru.