Sagantaan Misooma humna namaa Ministeera Dhimma Alaa milkaa'ina dippiloomaasii Itiyoophiyaaf boqonnaa haaraa bana - ENA Afaan Oromoo
Sagantaan Misooma humna namaa Ministeera Dhimma Alaa milkaa'ina dippiloomaasii Itiyoophiyaaf boqonnaa haaraa bana
Eebila 07/2018 (ENA) : Sagantaan Misooma Humna Namaa Ministeera Dhimma Alaa milkaa'ina dippilomaasii Itiyoophiyaaf boqonnaa haaraa akka banu Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Dr. Geediyoon Ximootewoos ibsan.
Ministeerri Dhimma Alaa, haala naannawaa fi addunyaa jijjiiramaa jiruu waliin tarkaanfachuuf, dippiloomaatonni beekumsaa fi dandeettii gahaa akka qabaatan gochuuf Sagantaa Misooma Humna namaa qophaa'e ifoomseera.
Sagantichi dippiloomaatonni beekumsaa fi dandeettii yeroon gaafatu hidhatanii faayidaa biyyaa kabachiisuu akka danda'an gochuuf kan karoorfamedha.
Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Dr. Geediyoon Ximooteyoos sirnicharratti akka dubbatanitti, dhaabbaticha sadarkaa olaanaatti ammayyeessuuf tarsiimoon ijaarsa dhaabbataa waggaa sadii qophaa'ee hojiirra ooleera jedhani.
Tarsiimoon kallattii hojii kana keessatti hammataman hedduun raawwatamaa akka jiran kan eeran yoo ta’u, keessattuu dhaabbaticha ammayyeessuu fi naannoo hojii mijataa uumuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.
Hojiiwwan rifoormii hunda galeessa ta’an kunniin diippilomaatonnii fi hojjettoonni Ministeerichaa Leenjii Ogeessummaa akka argatan, Sirna Barnoota Inistiitiyuutii Hariiroo Alaa (IFA) sakatta'uu, seera amalaa fi naamuusaa haaraa qopheessuu fi Barnoota Digirii 2ffaa fi 3ffaa mijeessuu of keessatti qabata.