Tamsaasa Kallatti:

Haaromsi magaalaa Finfinnee badhaadhinaa fi guddina magaalota Afrikaa ariifachiisuuf abdii haaraa kan uume dha

Eebila 7/2018 (ENA): Haaromsi magaalaa Finfinnee badhaadhinaa fi guddina magaalota Afrikaa ariifachiisuuf abdii haaraa kan uume ta’uu hirmaattonni Fooramii Sodaa Balaa Afrikaa (ADRF) himan.

Hirmaattonni Fooramichaa daawwannaa taasisaniin, jilli Jibuutii, Sudaanii fi Zaambiyaa yaada isaanii ENA’f qoodaniiru.


 

Waggaa kudhaniin dura magaalattii daawwatanii Jibuutii irraa kan deebi’an Isaam Abdulhakim, Magaalaan Finfinnee yeroo sana maal akka turte yaadachuun jijjiirama amma dhufe wal bira qabanii gaafa ibsan samii fi lafa jedhani.

Pirojektoonni misoomaa dinqisiisoo yeroo gabaabaa keessatti magaalattii keessatti hojjetamaa turan Finfinnee jiraattota isheetiif mijataa fi daawwattoota isheef hawwataa akka taatu taasiseera jedhan.

Keessattuu, misoomni koridaraa fi qarqara lageenii magaalattii dandeettii dinagdee ishee guddisuu bira darbee sadarkaa dorgommii magaalaa idil-addunyaa akka guuttu taasiseera jedhani.


 

Sudaan irraa kan dhufan Ismaa’eel Alii imalli jijjiiramaa ajaa’ibsiisaa Finfinnee magaalota Afrikaa biroof sadarkaa ol’aanaatti ceesisuuf barnootaa fi muuxannoo guddaa ta’a jedhan.

Finfinneen yeroo ammaa wiirtuuwwan magaalota ammayyaa Afrikaa keessaa tokko ta’uu daawwannaa isaanii keessatti taajjabanii akka turan himaniiru.

Turtii magaalaa guddittii keessatti taasisaniin, guddinni damee diinagdee fi invastimantii irratti galmaa’e magaalattiin daandii misoomaa irra deemaa akka jirtu mirkaneessee jiraachuu hubachiisaniiru.


 

Zaambiyaa irraa kan dhufan Masii Chiluun milkaa'inni misoomaa ajaa'ibsiisaa Finfinneen galmeessifte, gahumsa ofiitiin sadarkaa olaanaatti ba’uun akka danda’amuuf fakkeenya gaarii dha jedhani.

Kunis Afrikaanonni gargaarsaa fi hirkattummaa tokko malee magaalota guddatanii fi qarooman ijaaruun akka danda’amu kan barsiisu ta’uu ibsaniiru.

#Ena Afaan Oromoo #ENA

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015