Tamsaasa Kallatti:

Naannoo Oromiyaatti Baatiiwwan Saglan Darbanitti Milkaa’inoonni Kenna tajaajilaa fooyyessan galmaa’aniiru

Eebila 07/2018 (ENA) : Naannoo Oromiyaatti baatiiwwan saglan darbanitti hojiilee raawwatamaniin injifannoowwan fayyadamummaa dinagdee uummataa guddisanii fi kenniinsa tajaajilaa fooyyeessan galmaa'uusaanii Pirezidaantiin Naannichaa obbo Shimallis Abdiisaa ibsan.

Gamaaggamni raawwii hojii paartii fi mootummaa Naannichaa baatiiwwan saglan darbanii Magaalaa Bishoftuu, galma Haarsadeetti geggeeffamaa jira.


Piresidaantiin naannichaa obbo Shimallis Abdiisaa wayita sana akka dubbatanitti, baatiiwwan saglan darban Naannichatti hojiileen Misoomaa fi badhaadhinaa milkaa'oon hedduun raawwatamaniiru jedhani.

Keessattuu, Fayyadamummaa Dinagdee uummata naannichaa haala gaariin kan guddisan hojiileen Misooma Magaalaa fi Baadiyaa raawwatamuusaanii ibsaniiru.

Kana malees, hojiilee misoomaa naannichaa saffisiisuuf kan gargaaran, sirnoota kenniinsa tajaajilaa teekinooloojiin deeggaraman hojiirra ooluu isaanii dubbataniiru.


Fuuldurattis, hojiilee gaggaarii galmaa'an caalaatti cimsuun, hanqinaalee tokko tokkoo fi karoora qabame haala barbaadamuun hojiirra oolchuu dhabuu wajjin walqabatee rakkoolee mul'atan sirreessuun barbaachisa jedhaniiru.

Keessattuu, humnoota misoomaa hunda qindeessuun imala badhaadhinaa eegalame bu'a qabeessa taasisuun hoggansa naannichaarraa kan eegamu ta'uu hubachiisaniiru.

Gamaaggamichaan cimina jiru itti fufsiisuu fi rakkoolee hojii irratti mul'atan furuuf kallattiiwwan akka kaa'amanis ibsaniiru.

Itti gaafatamaan waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Naannoo Oromiyaa obbo Kaffaaloo Tafarraa gama isaaniin, baatiiwwan saglan darban keessa hojiileen Misoomaa hedduun raawwatamuu fi hirmaannaan Hawaasaas cimuusaa ibsaniiru.


Baatiiwwan saglan darban keessa rakkoolee hedduu keessa darbamee bu'aan gurguddaan galmaa'uu ibsuun, baatiiwwan bara baajataa hafan keessatti hojiilee osoo hin raawwatamin hafan kutannoo guddaan raawwachuun fayyadamummaa Hawaasaa Mirkaneessuuf hojjechuun akka barbaachisu dhaamaniiru.

Dandeettiin raawwachiisummaa mootummaa yeroo gara yerootti fooyya'aa dhufuusaa hojiileen baatiiwwan saglan darban keessa raawwataman kan agarsiisan ta'uu eeraniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015