Tamsaasa Kallatti:

Naannoo Harariitti sagantaa Ashaaraa magariisaaf qophiin taasifamaa jira

 

Eebila 07/2018 (ENA): Sagantaa AShaaraa Magariisaa bara kanaatiif qophiin biqiltuu hedduumminaan gaggeeffamaa jiraachuu Biiroon Misooma Qonnaa Naannoo Hararii beeksise.

Naannichatti hojiiwwan Ashaaraa magariisaa milkeessuuf hojiin qophii biqiltuu fi bakka dhaabbii biqiltuu mijeessuun gaggeeffamaa jiraachuu Biiroo Qonnaa Naannichaatti, Daarektarri Misooma itti fayyadamaa fi eegumsa qabeenya uumamaa obbo Araarsoo Adam ENA’f ibsaniiru.

Biqiltuuwwan kunneenis giddu-gala biqiltuu mootummaa fi qonnaan bultootaan kan qophaa’aa jiran yoo ta’u, kanaanis dhibbeentaa 70 kan ta’an biqiltuuwwan firiin isaanii nyaatamu ta’uu isaanii ibsaniiru.

Biqiltuuwwan hafan immoo mukeen biyyaalessaa, kan nyaata beeyladaa fi fayyidaa bosonaaf oolan ta’uu isaanii obbo Araarsoon ibsaniiru.

Biqiltuuwwan akka Appilii, Maangoo fi Avokaadoon Faayidaa dachaa qaban, kilaastaraan kan dhaabaman ta’uu eeraniiru.

Naannichatti baatii Gannaa keessa biqiltuuwwan lafa naannoo hektaara 1,000 irratti dhaabuuf karoorri qabamuun ibsameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015